Waraanni Bilxiginnaa Shawaa Lixaatti dargaggoo 2 ajjeesuun namoota 6 ukkaamsee.
(SQ-Bitootessa 25,2022)
Bitootessa 25,2022 Waraanni Bilxginnaq Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee Ganda Qotee Bulaa Qucoo Gaamootti Waraani Bilxginnaa Mooraa ykn kaampii Hoomachoo keessa ture ba’uun, dargaggoota 2 Shaashoo Daaksisaa fi Kumsaa Taaddasaa jedhaman badii tokko malee ajjeesuun.
Ganduma kana keessatti Maatii Obbo Haayiluu Tuujubaa nama 4 fi Dargaggoota naannichaa 2 walumatti namoota 6 ukkaamsuun gara mooraa ykn kaampii Hoomachootti fuudhanii akka deeman Maddeen SQ nuuf himan.