Shaggar Lixaatti Waraanni Bilisummaa Oromoo Dargaggoota lama kan Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaachuun Haadha waggaa 50 gudeeddan to’ate.
(SQ-Caamsaa 4,2022)
Godina Shaggar Lixaa Aanaa Ejersa Lafoo, ganda Gooroo Daannisaa jedhamutti dargaggoonni 2 Abdataa Gabbisaa fi Dachoo Gizuu Haayiluu jedhaman ergama mootummaa Bilxignnaa fudhachuun Waraana Bilisummaa Oromoo of fakkeessuun Haadha Oromoo jaartii Waggaa 50 reebicha hamaa erga irraan ga’an booda gudeeduu Vedio Waraanni Bilisummaa Oromoo gad lakkisee ni ibsa.
Akka Vedio sanarra hubachuun danda’amutti Jaartiin gudeedaman dukkana da’oo godhachuun na ukkaamsan intala haadharawu, naan jedhan yeroo na kuffisanis nuti warra bosonaati waan tokko dubbannaan si ajjeefna jechuun na doorsisanii natti taphatan jedhu.
Dargaggoota mootummaan qindeessuun Waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessuun bobbaasee jaartii waggaa 50 gudeedan kanas Waraanni Bilisummaa Oromoo to’annoo isaa jala oolchuun bakka maatiin isaanii, Miidhamtuun ykn jaartiin gudeedamte jirtuufi hawaasni naannoo jirutti qorachuun daragaggoonni sunis badii fokkisaa sana rawwaachu amananii jiru.
Miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo Daragaggoota sana to’ate akka jedhetti, Waraanni Bilisummaa Oromoo Amaanaa Elemoo Qilxuu, Baaroo Tumsaa ofharka qaba, Sabaa Oromoo bilisomsuuf mana ba’ee malee uummataa Oromoo giddirsuuf miti jechuun.
Mootummaan Bilxginnaa lolaan nudhadhabee mandhee isaa hawaasa keessatti ijaaruun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuun uummataaf waraana Bilisummaa Oromoo walitti buusuuf hojjeta jira, nuti Uummata Oromoo Bilisaa baasuuf qabsoo geeggeessaa jirra kan jedhe Waraanni Bilisummaa Oromoo kun, Bilxginnaan uummataa keessatti nuloluun uummata keenya fixuuf yaalirra jira nuti garuu uummataa keenya keessa baane mooraa Bilxiginnaa haleelaa jirra jedha.
Kana malees magaalaa Finfinnee seenuun Mootummaa Bilxginnaa ni galabaxna jechuun uummanni Oromoo badii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon deema jiru hubachuu qaba jedha.
Gooftan keenya Uummata Oromootti akka Lammaa Magarsaa sobee gooftan keenya uummata keenya jecha qawween uummataa keenya ajjeesise osoo hin taane, nuuf gooftan keenya Uummataa Oromooti. waan Uummanni Oromoo jedhe hin dinuu ni rawwaanna kan jedhe Miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo kun dargaggoota yakkaa sukkanneessaa haadha Oromoo irratti rawwaatan sanas murtiif bakka Abbaan isaanii argamanitti uummatatti dhiyeessanii jiru.
Hawaasi naannicha yaada kennannin Dargaggoonni kunneen gurra Oromoo balleessan gocha fokkisaa akkasii hiriyyaa haadha isaanii irratti raawachuun gocha gara jabeenyaatis jedhaniiru.
Mootummaan Bilxiginnaa maqaa Oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun milkaa’u dadhabuun shiroota adda adda Waraana Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo wal jibbisiisuuf hojjechaa jira.