Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxginnaa namoota nagaa 3 ajjeesuun mana Uummataa 10 ibiddaan gube.

Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxginnaa namoota nagaa 3 ajjeesuun mana Uummataa 10 ibiddaan gube.

(SQ-Caamsaa 11,2022)

Godina Shawaa Lixaa aanaa Ilfataa ganda Saaxoo lukkuu jedhamutti Caamsaa 9,2022 waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 3 Obbo Giddumaa Tabbasaa maanguddoo ganna 56, Misgaanaa Hirkoo dargaggoo ganna 25, fi Aadde Ilfee Fayyisaa ulfa ji’a 6 kan taate gaafii tokko malee itti dhukaasani ajjeessan jedhu maddeen SQ.

Gama biraattin Waraanni faashistii pp Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaa bakka luuccoo jedhamutti manneen qotee bulaa 2 abiddaan yoo guban, achuma bakka Shaambaa jedhamuttis Mana Obbo Qaabataa Iddoosaa fi Obbo Hirphaa Iddoosaa Abiddaan barbadeessan jedhu.

Guyyaama sana waraanni mootummaa Bilxiginnaa bakka Gabaa Wixataa jedhamuttis manneen uummata nagaa 6 abiddaan gubanis jedhu.

manneen qote bultoota Waraana pp,tiin gubatan kunneen midhaan callaa dabalatee qabeenya guutuu waliin jala barbada’aan jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *