Godina Guraageetti Manni marii Murtoo Uummanni Gaafate Fudhate.
(SQ-Hagayya 11,2022)
Manni Marii Godina Guraagee, godinoota ollaa isaa jiran waliin/kilaasteriidhaan Bulchiinsa Naannoo kan Waloo tokko ijaarrachuuf Yaada Murtii dhihaate qeebaluu diduudhaan kufaa taasise.
Manni Marii kun Kora hatattamaa har’a Hagayya 11,2022 magaalaa Walqixxeetti taa’een Kilaasteriitti ijaaramuudhaaf yaada murtii dhihaate harka wayyabaan kufaa taasisuu maddeen oduu Walqixxee irraa gabaasaniiru.
Manni Marii Godina Guraagee godinichi, Godinoota Haadiyyaa, Silxee, Halaabaa, Kanbaataa, Xanbaarroo fi Ona Addaa Yem waliin walitti eda’amee Naannoo tokko akka ta’aniif yaada murtii dhihaate diduuni kan inni kuffise.
Guyyoota sadan darban ummatni Guraagee magaalaa Walqixxee dabalatee bakkoota adda addaatti lagannaa gabaa ykn daldala dhaabuudhaan mormii mul’isaa ture.
Murtii Manni Marii Godina Guraagee har’a fudhate hordofee magaalaa Walqixxeetti ummatni ba’ee gammachuu isaa mul’isuus maddeen gabaasaniiru.