Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbay Coomman Suluula Finca’aatti Waraanni Bilxiginnaa manneen Qonnaan bultootaa 6 fi dubartii ulfaa 1 dabalatee namoota 3 waliin Abiddaan guban.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbay Coomman Suluula Finca’aatti Waraanni Bilxiginnaa manneen Qonnaan bultootaa 6 fi dubartii ulfaa 1 dabalatee namoota 3 waliin Abiddaan guban.

(SQ-Hagayya 12,2022)

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbayi Coomman sulula Finca’aa ganda Agamsa jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa qe’ee uummataatti Abidda qabsiisuun manneen abbootii warraa 6 yoo barbaadeessan dubartii ulfaa tokko dabalatee namoonni sadii manaa wajjin gubatanii jiraachuu Maddeen keenya nuuf himan.

Taateen kun roobii darbe Hagayyaa 10,2022 hawaasa nagaa kanarratti akka raawwatame kan himan jiraattonni, lafa barii sa’aatii 12:00tti waraanni dhufee kanuma haleellaa tasaa banu agarre jedhu.
Badii humnoonni Bilxiginnaan bobbaase raawwatan kanaan manneen abbootii warraa

  • Obbo Tolasaa Kaapitee,
  • Toleeraa Mootummaa
  • Hiikaa Shibiruu,
  • Gammachuu Firdiisaa,
  • Caalaa Geetuu Olii 
  • Taakkala Badhaasaa   jedhamanii qabeenya keessa ture waliin mancaafamee jedhu.

Kana malees Dubartii ulfa ji’a 6 dabalatee namoonni nagaa sadis mana keessa bakka jiranitti waliin gubatuu isaaniis odeeffanneerra.
Midhaan kuntaala 300 dabalatee qabeenyi maatiiwwan kanneenii mana keessa jiru tokko osoo hin hafin waliin barbadaayeera kan jedhan jiraattonni, waraanni Bilxiginnaa, milishaa, poolisii fi raayyaan ittisaa jedhaman hammeenya kana naatoo tokko malee waloon raawwatanis jedhu.
Akka Maddeen keenya achii nuuf himanitti Ganda Agamsaa keessatti ka’umsi hameenya kanaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu kan jedhu haa ta’u malee Naannichatti garuu sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo dhiyeenya akka hin turre dubbatu.
Kana malees mootummaan ibsaa, networkii bilbilaa fi bishaan nurraa balleesseera kan jedhan jiraattonni bishaan barbaacha sa’aatii 3 fagaannee deemaa jirra jedhu.
kana malees jiraattonni naannawaa Ganda Agamsaa gooxii I keessa jiraatanii fi Naannoo Warshaa Sukkaaraa jiraatan yaaddoo keessa jiraachuu maddeen keenya nuuf himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *