Obbo Kennasaan konkolaataa fi poolisiif kaffalanii mana hidhaatii deddeebi’anii yaalamu’

Obbo Kennasaan konkolaataa fi poolisiif kaffalanii mana hidhaatii deddeebi’anii yaalamu’

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) hooggantooti isaa Itoophiyaa keessatti ”dabaan hidhaman” jedhu dararaa fi haala mijataa hin taane mana hidhaatti isaan mudataa jiruun dhukkubsatanii yaala ga’aa dhabuu ibse.
Aanga’oonni ABO Qajeelcha Poolisii magaalaa Buraayyuu jiranii fi dhaabichi akkaan dhibamuu isaanii himu Obbo Abdiisaa Raggaasaa fi Obbo Mikaa’el Booran (Miseensota Shanee Gumii ABO), Obbo Kennasaa Ayyaanaa (Miseensa Gumii Sabaa ABO), Obbo Lammii Beenyaa, Gadaa Oljirraa, Obbo Daawwit Abdataa fi Obbo Gadaa Gabbisaa fa’adha.
Aanga’oota bu’uura dhaabasaanii ta’an kunneen himata tokko malee, hedduusaanii manni murtii bilisa baasee akkanumaan waggoota afuritti siquuf mana hidhaatti dararamaa jiru jedha Dubbi Himaan dhaabichaa Obbo Lammii Gammachuu.
Aanga’oota ABO keessaa tokko kan ta’an Obbo Kennasaa Ayyaanaa dhibamanii kiraanchiidhaan wayita dhababatan suuraan agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa jira.
Haalli fayyummaasaanii suuraa irraa mullatu baayyee yaaddessaa ta’uurraa kan ka’e mufii guddaa kaaseera.
”Suuraan sun kan ammaa ta’uu baatus, Obbo kennasaa Ayyaanaa garuu erga dhibeen itti hammaatee lubbusaaniif sodaachisee, mana yaalaatti deddeebi’anii yaalamuu eegalanii bubbulaniiru,” jedha Obbo Lammiin.
”Akka suuraa irraa mul’atan sana caalaa dhibamanii jiru. Qondaaltonni kaanis fuullisaanii osoo mullachuu danda’ee akkanuma.”
Bitootessa 2023 irraa eegalanii Hospitaala Beetaazaataa jedhamutti deddeebi’anii yaalamaa jiraachuu fi dhibee narviin akkaan dhukkubsachuu hospitaalli akka itti hime Obbo Lammiin dubbata.
”Mana hidhaatii deddeebi’anii torbanitti yeroo sadi yaalamu. Wayita deddeebi’an poolisii isaan dabaaluu fi gatii konkolaataa isaantu kaffala. Kun ammoo yaala isaaniirratti dhiibbaa guddaa uumeera.”
Akka qondaalli ABO Obbo Lammiin jedhutti waahilasaanii Obbo Kennasaa dhibee kanaaf kan isaan saaxile ”qilleensaa diilallaa fi ho’aa mana hidhatti dabaree isaanirratti wal jijjiireedha.”
Obbo Kennasaa Ayyaanaa qondaaltota ABO kaan waliin waggaa sadi dura erga hidhamanii manneen hidhaa garaagaraatti haala mijataa hin taaneef saaxilamanii dhumarratti dhibee takkaa hin qabneef saaxilaman jedha Obbo Lammiin.
”Dhibeen amma isaanitti hammaate dhiibbaa dhiigaa fi dhibee shukkaaraa [kan duraan qaban] miti. Narvii hamaa ta’uu hakiimni hime. Kun haala qabiinsa mana hidhaarraa akka ta’e irraa iyyaafadheera,” jedha.
Mana hidhaatii deddeebi’anii hospitaalatti yaalamuu erga eegalanii hakiimonni akka bakka itti hidhamanitti hin deebine itti himanis poolisoonni garuu dirqamaan deebisaa jiru jedha Obbo Lammiin.
”Obbo Kennasaan narviin baayyee waan isa miidheef of danda’ee hin dhaabbatu. Kiraachiidhaan deemuuf dirqameera.”
Obbo Kennasaa qofa osoo hin taane Gadaa Gabbisaa fi Daawwit Abdataas dhibeema walfakkaataa (narvii) dhukkubsatu, garuu yaala argataa hin jiran jedhe Lammiin.
Akka Obbo Lammiin jedhutti hooggantoonni kunneen himata kan ofirraa hin qabnee fi bakka amma jiranittillee qaamni isaan hidhe kun itti gaafatamummaa seeraa ofitti fudhatee hin jiru.
”Kanarraa kan ka’e hooggantoota ABO hedduu wayita isaan dhukkubsatanii sadarkaa dhumaarra ga’an akka isaan biratti hin duuneef ofirraa baasu,” jedha Lammiin.
Hooggantoota haala kanaan mana hidhaatii poolisiin ofirraa baase keessaa Obbo Battee Urgeessaa, Obbo Firaa’ol Jaallataa, Dr Shuggux Galataa, Obbo Waaqoo Noolee akka fakkeenyaatti kaase.
”Hooggantoonni hedduunsaanii erga qaamaa hir’atanii, fayyummaansaanii sadarkaa yaaddessaarra ga’ee mana hidhaatii baafamu. Eelaan mana hidhaas wayita isaan ba’an dafee gadi hin dhiisu. Fakkeenyaaf jaal Waaqoo Noolee erga ba’ee dandamachuu dadhabee hanga yoonaa mana yaalaatti deddeebi’a.”
Manneen hidhaa garaagaraa keessatti dararaan isaan irra ga’e dhibee kanaaf isaan saaxiluu kan eere Obbo Lammiin, qondaaltonni kunneen mana lukkuu itti horsiisanii hanga bakka akkaan qorruutti, nyaataa fi bishaan ga’aa malee waggoota dheeraaf hidhamuu ibsan.
Obbo Kennasaa Ayyaanaa Adoolessa 03, 2020 ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda waahillan isaanii kanneen akka Mikaa’el Booranfaa waliin qabaman.
Bara 2023 ji’a gannaa keessa yeroo dhumaaf mana murtiitti dhihaatan kan jedhan abukaatoonsaanii Obbo Tuulii Baayyisaa ergasii dhimmisaanii seeraan qabamee hin jiru jedhanii BBCtti himanii turan.
Obbo Mikaaโ€™el Booraniifi Kennasaa Ayyaanaa abbaan alangaa waan isaan himachiisu hin jiru jechuun, bilisa jedhamanii garuu akkasumatti hidhamanii jiru jedhan Obbo Tuuliin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *