Gujii Lixaatti Waraanni PP Obboleeyyan lama dabalatee namoota 7 ajjeesse.
(SQ-Ebla 10,2022)
Mootummaan Bilxginnaa maqaa Oppireeshiinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa irratti lolaa labsee kan jiru ta’uu gabaasa tureera.
Waraanni Maqaa Oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaatti bobba’ees uummataa nagaa hidhu fi ajjeessu hojii idilee isaa godhatee jiraachu uummanni Oromoo himata jira.
Haala kanaan Ebla 8,2022 Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsaa Kojoowaa jedhamutti Waraanni Bilxginnaa maqaa shanee deeggartu jedhuun Obboleeyyan lama dabalatee namoota 7 bakka tokkotti ajjeessu maddeen SQ nuuf himan.
Namoonni ajjeefaman kunneenis
1,Tashaalee Roobee
2,Milkiyaas Galgaloo
3,Danuu Galgaloo
4,Muusaa Saafoo
5,Dastaa Kabbadaa
6,Hoxxeessa Saafoo fi
7,Gurmeessaa Saafoo obboleeyyan yoo ta’aan
Namoonni kunneen badii tokko malee Kan garaa jabinaan bakka tokkotti waraana Bilxiginnaan ajjeeffaman jedhu.