Shimallis Abdiisaa Yaa’ii Caffee Oromiyaa Irratti Ajjeecha Abbootii Gadaa Karrayyuu Irratti Raawwatame Qaama Biraatti Akeekuuf Yaale!

Shimallis Abdiisaa Yaa’ii Caffee Oromiyaa Irratti Ajjeecha Abbootii Gadaa Karrayyuu Irratti Raawwatame Qaama Biraatti Akeekuuf Yaale!

(SQ-Bitootessa 22,2022)

Baatii sadii dura Poolisiin Humna Addaa Oromiyaaa ajaja Shimallis Abdiisaatiin Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti ajjeecha jumlaa raawwachuun ni yaadatama.

Gochi kunis mootummaa naannoo Oromiyaan raawwachuu Komiishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi qaamoleen garaa garaa mirkaneessaniiru.

Ajjeecha Abbootti Gadaa Karrayyuu kana gareen Shimallis Abdiisaa ajaja kennuun Poolisii Oromiyaa raawwachiisuu qondaalonni Bilxiginnaa Taayyee Tandaa’aa fi Angaasaa Ibiraahim ifatti dubbataa turan.

Yaa’ii Caffee kana irratti Miseensoonni caffee gaaffiin qaamolee gocha kana raawwatan seeraaf dhiheessuurratti maaltu hojjetamaa jira jedhuun gaafataniin, Shimallis Abdiisaa yakka inniif gareen isaa raawwatan haguuguuf

“Qaamolee ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuutiin shakkaman adamsuun seeraa jala olchuuf qoratamaa jira, gochichi qaanessaa fi safuu keenya kan faallesse akkuma jedhame hunda keenya hamilee nu cabseera gocha Oromummaa diiguuf aggaamame ta’u beekuu qabna, gocha raawwatameetti mootummaan naannoo Oromiyaa gaddi itti dhaga’aameera” jechuun haasaa hiikaa hin qabne dubbatee.

Duratti gocha kana Shaneetu raawwate jechuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsaa baase kan ture yoo ta’uu gocha sanaan Waraana Bilisummaa Oromoo maqaa balleessuufi, afaan faajjii uumuuf yaaliin gareen Shimallis geggeesse salpha hin ture .

Haa ta’uu malee Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dabaltee hoggannoonni Bilxginnaa heddun ajjeechan Abbootti Gadaa Karrayyuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa rawwaachu ifoomsaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *