Humni Addaa Amaaraa Wallootti Ummata Oromoo dararaa jiraachuun dhaga’ame.
(SQ-Hagayya 22,2022)
Golee Oromiyaa hunda keessatti dararaan Saba Oromoo irratti waraana Bilxiginnaatiin raawwachaa jiru jabaatee itti fufeera.
Haaluma kanaan Kaabaa Oromiyaa Godina walloo keessatti Poolisiin humna addaa naannoo Amaaraa jedhamu kan Ilmaan Oromoo walloo irraa jibbaa cimaa qabu, kaabinoota Bilxiginnaa fi waraana Bilxiginnaa waliin ta’uudhaan, uummata nagaa hiraarsaa jiraachuun maddeen keenya nuuf himan.
Haaluma kanaan Hagayya 20/2022 Poolisiin Humna Adda Naannoo Amaaraa uummata nagaa jumlaan hidhaa jiraachuu maddeen SQtti himan.
Namoota badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamuun, gidirfamaa jiran keessaa kan ammaaf maqaan nu ga’e, Sheek Abdallaaxiif, Oromtittii Walloo fi weellisaa Sa’ad Awwal kanneen jedhaman yoo ta’an, kana malees Aartistoonnii fi ilmaan qonnaan bultoota Oromoo walloo hedduunis hidhamaa jiraachuu odeeffanneerra.
Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa fi Leellistoonni sirna dulloomaa minilik, Qonnaan bultoota Oromoo walloo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun, qabeenya isaanii barbadeessaa jirus jedhu maddeen keenya.