Ijoolleen Oromoo 19 Matakkal irra gara Finfinnee barnootaaf deema turan Ukkaamfamun dhagaa’ame.
(SQ-Ebla 14,2022)
Ijoolleen Oromoo 19 ta’aan Ebla 13,2022 Godina Matakkal irra ka’uun Barnootaaf osoo gara Finfinnee deemaa jiranii Naannoo Amaaraa Godina Hawwii Magaalaa Kosoobarrii jedhamutti Konkolaataa keessa buufamun poolisootaafi Faannoo Amaaraatiin qabamanii hidhamu dhagaa’ame.
Ijoolleen Oromoo Ebla 13,2022 Magaalaa Kosoobarri keessatti Faannoofi Poolisii Amaaraan qabaman kunneen Waajjira Poolisii Ganda 02 Magaalaa Kosoobarri keessatti hidhamanii jiraachuus odeessi arganee ifa godha.
Ijoolleen ukkaamfaman kunneen
1. Taammiruu Bashiroo
2. Ittaanaa Araggaa
3. Addisuu Getaachoo
4. Saamu’el Dassaaleny
5. Warquu Getaachoo
6. Daraartuu Mulaatuu
7. Dastaayyoo Biraanuu
8. Saamu’el Araggaa
9. Abiraam Qana’ii
10. Yaaregaal Nagaash
11. Eliyaas Asaffaa
12. Qanaatee Hayiluu
13. Addaamee Taarreqany
14. Gaaromaa Birruu
15. Taammiraat Taaddasaa
16. Gaaddisee Jaallataa
17. Dibooraa Abdiisaa
18. Yoonaas Gannatii
19. Alamii Baayisaa
Kan jedhaman yoo ta’uu badii qabatanii osoo hin tane waan Oromoo ta’aan qofaaf Poolisiifi Faannoo Amaaraan qabamanii dararaama jiru jedhu maddeen keenya.