Kabajni Yaadannoo FDG wagaga 19ffaa Sadaasa 9/2005 dhohe ilaalchisee qabsaa’otni Oromoo yaadatanii darban.
Sirna yaadannoo kabaja waggaa 19ffaa Sadaasa 9 ilaalchisuun hoggantootni Olaanoo ABO biyya alaa fi biyya keessa jiran toora zoom irratti argamuun injifannoo FDG booda turee fi wareegama kaffalame kaasuun gara fuulduraatti hojiilee hojjetamuu qabamus ummata Oromoo sagantaa yaadannoo kabajaa kanarra jiraniif dhaamaniiru.
Waamicha ABOn taasiseen FDG Sadaasa 9/2005 guutuu Oromiyaa keessatti ummata Oromoon addatti immoo barattoota manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi yuuniversiitii keessatti dhoheen wareegama ulfaataan kaffalamus qabsichi akka finiinee bakka har’a geenye kanaaf riqicha tahe gaggeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo duraanii fi Miseensi GS-ABO jaal Ibsaa Nagaasaa dubbatanii jiru.
Jaal Ibsaa Nagaasaa yaadannoo sirna kabaja FDG waggaa 19ffaa irratti haasaa taasisaniin bara tekinooloojiin akka har’aa kana hin babal’anne miidiyaaleen hawaasaa hin turretti karaa SBO ABOn Waamicha taasise dhagahuun barattootni Oromoo manneen barumsaa olaanoo fi sadarkaa 2ffaa hanga gadiitti Waamicha kana owwaachuun fincila akka qabsiisaa turan seenessa dhugaa irratti hundaaye hirmaattota kabaja yaadannoo FDG kana yaadataa jiraniif dhiyyeesseera.
Sababaa FDG barbaachiseef yeroo dubbatu jaal Ibsaa Nagaasaa yoo eeru akka fakkeenyaatti:
➡️Gubachuu bosona Baalee bara 2000,
➡️Yuuniversiitii Maqaleetti wareegamuu Barataa Simee Tafarraa fi Dirribee Jifaar bara 2001
➡️Ariyatamuu Barattoota Oromoo 350 ol tahan Yuuniversiitii Finfinnee irraa
➡️ugguramuu WMT
➡️ Filannoo 2005 gaggeeffame walaba tahuu dhabuun akka FDGn guutummaatti ka’uuf sababaa calqabaa akka ture gaggeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessaa tokko kan tahe Jaal Ibsaa Nagaasaa himaniiru.
FDGn Sadaasa 9/2005 guyyaa dhohu mootummaa abbaa irreetti rifaatuu kan uumee fi qabsoo Oromootti immoo Abdii kan hore ture.
Dhohuu FDG booda barattoota Oromoo dabalatee ummatni Oromoo kumaatamaan lakkaayaman wareegamanii reeffi isaanii illee bineensaan nyaataman akka warraaqsi Oromoo dargaggootaan caalaatti finiinuuf xiiqiitti kan galche dargaggoota Oromoo bara 2011tti Heeraa fi seera ABO jalatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka bifa jaarmiyaan hundaayee qabsoo Ummata Oromoo fuulduratti saffisiisuu fi abbaa irreetti immoo xumura godhuuf hundaayuu danda’ee jira.
Yeroo Sadaasa 9 wagaga 19ffaa FDG yaadannu Dargaggoota qaroo Oromoo kumaataman wareegaman,Ummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii qabsoo kanaaf dhaban caalaatti yaadachuu fi kaayyoo isaan itti wareegaman sana galmaan gahuuf yeroo itti Irbuu haaromsannu tahuus jaal Ibsaa Nagaasaa dhaamaniiru.