Yakki Sadarkaa Mootummatti Maqaa Koree Nageenyaan Ummata Nagaa Irratti Raawwatamu Seera Jalaa Miliquu Hin Danda’u!
Ibsa ABO
Reutors dhimmoota ajjeechaa, hidhaa, ukkamsanii dhabamsiisuu fi walumaa gala dhiittaa mirgoota dhala nama Itoophiyaa ilaaluun qorannoo bal’aa gaggeessaa kan ture gaafa Gurrandhala 23, 2024 ifoomsee jira. Akka qorannoo Reuters kanaatti yakkootiin suukanneessoo ta’an lammiilee Oromiyaa irratti angawoota mootummaan qinda’ee kan rawwatamu ta’uu qorannoon Reuters kun ifoomseera. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) yeroo adda addaatti ajjechaa, hidhaa fi dararuun kun Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiraachuu gabaasaa turus haga ammaatti dhageettii fi deebii gahaa ta’e hawaasa idil addunyaa irraa hin argatin tureera. Akka qorannoon Reuters kun mul’isutti, ajjechaa fi hidhaan seeraa alaa Oromiyaa keessatti kan raawwatamu Koree Nageenyaa angawoota mootummaa ol’aanoo irraa ijaarameen ta’uu mul’ise. Koreen Nageenyaa kunis iccitiin kan ijaaramee dha. Yakkoota kana maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisu jedhuun kan raawwatu ta’uu qorannichi gabaaseera.
Reuters qorannoo isaan akka ifoomsetti koreen Nageenyaa iccitaawaan ijaarame kun hojii isaa kan eegale erga Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahmed bara 2018 aangootti bahanii ti. Kaayyoon ijaarsa Koree Nageenya kunis carraaqqii Abiy Ahmed WBO bal’eessuuf karoorfate akka ta’e qorannichi mul’ise. Qorannoon Reuters kunis miseensota Koree Nageenyaa ifoomsuu bira taree, bakkaa fi haala koreen kun itti walgahii gaggeeffatan kan saaxilee dha. Koreen dhoksaan kun kan walgeessu waajjira Partii Bilxiginnaa Oromiyaa keessatti yeroo ta’u, Obbo Shimallis Abdiisaa gaggeessaa koree kanaa ta’uu gabaasni Reuters saaxileera. Obbo Fiqaaduu Tasammaa, dura ta’aa Partii Bilxiginnaa Oromiyaa, Obbo Araarsaa Mardaasaa, itti gaafatamaa waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa akkasumas angawoota siyaasaa fi nageenyaa sadarkaa adda addaa irra jiran qaama Koree Nageenyaa kanaa ta’uu maddi odeeffannoo Reuters mirkaneesseera. Walumaagala miseensonni Koree Nageenya kunis dhalootaan Oromoo ta’uus himeera.
Caasaan Koree Nageenyaa kun hanga onaa fi gandaatti kan diriiree jiruu dha. Yakkoota kanas qindoominaan caasaa kanneeniin kan raawwatu ta’uu qorannicha keessatti ibsamee jira. Fakkeenyaaf sadarkaa zooniitti angawoonni waajjiraalee adda addaa hoogganan qaama caasaa Koree Nageenyaa ta’uun tajaajilu. Miseensonni Koree Nageenyaa sadarkaa zoonii kunis:
• Itti gaafatamaa bulchiinsa Zoonii
• Itti aanaa itti gaafatamaa bulchiinsa Zoonii
• Itti gaafatamaa waajjira nageenyaa fi bulchiinsa Zoonii
• Itti gaafatamaa Partii Bilxiginnaa Zoonii
• Itti gaafatamaa waajjira poolisii Zoonii
• Ajajaa Rayyaa Ittisa Biyyaa waliigalaa Zooniicha ti.
Gabaasni qorannoo Reuters kun akka agarsiisetti ijaarsi Koree Nageenyaa kun beekamtii Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmediin ta’uun mirkanaa’ee jira. Namoonni ijaarsa koree kanaa itti dhiheenyaan beekan akka Reuters-tti himanitti, ijaarsi koree kanaa yaada Abiy dhiheesseen ta’uu gabaase. Bara 2022 hojiileen koree kanaas Muummicha Ministeera Abiyyiif akka gabaafamee ture qorannoon Reuters kun ni mul’isa. Keessattuu yeroo Abbootiin Gadaa Karrayyuu ajjeefaman sana Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmediif angawootni siyaasaa fi jaarsoliin Karrayyuu jiruulee Koree Nageenyaa kana gabaasaanii akka turan Reuters qorannoo isaa irratti gabaaseera. Abbootiin Gadaa Karrayyuu kan ajjeefaman nama qaama nageenyaa mootummaa ta’een ta’uus Reuters mirkaneesse. Haa ta’u malee hanga ammaatti dhimma ajjeechaa suukanneessaa Abootii Gadaa Karrayyuu kan ilaaleen namni seeratti dhihaate hin jiru.
Qorannoon Reuters kun ajjeechaalee suukanneessoo Koree Nageenyaa kanaan ummata nagaa irratti gaggeeffamu gadi fageenyaan gabaasee jira. Ajjeechaa jumlaa bara 2021 Oromiyaa keessatti Abbootii Gadaa 14 irratti raawwatames Koree Nageenyaa kanaan akka tahe gabaasni kun ni mul’isa. Haa ta’u malee yeroo sana mootummaan akkuma amala isaa gareen WBO akka ajjeechaa kana raawwate miidiyaa isaa irratti ibsee ture. Komiishiniin Mirga Dhala namaa Itoophiyaas (EHRC) odeeffannoo jiraattota naannichaa irraa argateen ajjeechaa namoota kanaa kan raawwate ajaja angawoota ol’aanoo mootummaa irraa darbeen ta’uu mirkaneessa.
Akkuma gabaasni qorannoo Reuters mul’isetti, gareen Koree Nageenyaa ofiin jedhu kun ijaarsi isaa dhoksaa fi iccitaawaan ta’uun isaa daran yaaddessaa dha. Jiraachuu Koree kanaa kan beekan namoota muraasa qofa. Walgahii isaaniis torabanitti al lamaa ykn al sadiitti kan godhatan yeroo ta’u, walgahichis iccitii guddaan akka ta’e gabaasni qorannoo Reuters kun ni agarsiisa. Walgahii dura namootni waajjira keessaa akka dirqiin qullaawanii baafamanii fi miseensotni Korees bilbilli harkaa isaanii irraa guuramee akka walgahii sana seenan taasifama. Erga walgahiin xumuramee booda barruuleen walgahii ykn yadannoon miseensota Koree irraa akka sassaabamu gabaasaan kun ni mul’isa.
Carraan hidhamuu ykn ajjeefamuu namoota nagaa walgahii kana irratti miseensota Koree Nageenyaa kanaan murtaa’a jechuu dha. Namootni murtoon irratti darbes ajaja mana murtii malee, qorannoo yakkaa tokko malee fi haala sirnaa ala taheen qabamanii hidhamu ykn ajjeefamu. Kun yakkoota mootumman ummata nagaa irratti guutuu Oromiyaa keessatti rawwatuu dha.
Ajjeechaa fi hidhaan du’a artist Hacaaluu Hundeessaa hordofee ta’es koree kanaan kan raawwatame ta’uu gabaasni qorannoo Reuters saaxileera. Artist Hacaaluun kan ajjeefame Waxabajjii bara 2020 yeroo ta’u, ajjeechaa kanaaf mootummaan yeroo sana garee WBO tahuu midiyaa isaa irratti komatee ture. Dhaabbileen mirga dhala namaa adda addaa akka gabaasanitti, ajjeechaa Hacaaluu hordofee walitti bu’iinsa humna nageenyaa mootummaa fi ummata gidduutti ta’een lubbuun namoota nagaa 200 ol yeroo darbu, namootni 5000 ol ta’an ammoo hidhaatti guuraman.
Presedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi hoogganaan Partii Bilxiginnaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa yeroo hiriirri mormii ajjeechaa Hacaaluu ilaaleen gaggeeffamaa ture sana ‘skypen’ bulchiinsota magaalota gurguddoo Oromiyaa 19 fi Zooniilee 21tti bilbiluun ajaja kennaa akka turan ragaan miseensota Koree Nageenyaa lama irra argame ni mirkaneesa. Akka odeeffannoo kessoo Koree kana irraa argameetti, Obbo Shimallisii fi Obbo Fiqaaduun namootiin hiriira irratti qooda fudhatan akka hidhaman ykn ajjeefaman kallattiin ajaja dabarsaa akka turan ifoomsa. Hiriirichi to’atnoo ala yoo ta’e humni nageenyaa mootummaa ykn poolisiin kallattiin dhukaasni hiriiricha irratti akka banamu Obbo Shimallis Abdiisaa ajaja itti gafatamaa bulchiinsa Zoonii tokkotti dabarsee akka ture ragaan keessoo Koree Nageenyaa kana keessaa bahe ni mirkaneessa.
Qoranoon barruu Reuters kun qorannoo sirnaa fi ulaagaa deemsa qorannoo saayinsawaa hordofee dha. Ragaalee gahaa fi amanamoo argachuuf carraaqqii guddaan akka godhame gabaasa kana irraa hubachuun ni danda’ama. Ragaaleen guuraman kun gaaffii fi deebii angawoota Mootummaa Federaalaa fi Naannoo 30 ol ta’an irraa kan argame ta’uu ibsa. Dabalataanis ragaaleen kun kan argaman abbootii seeraa, abukaatota, namoota kallattiin miidhamni isaan qaqqabee fi ragaalee barruulee adda addaa abbotii seeraa fi angawoota siyaasaa irraa argame akka ta’e gabaasa kana irra hubachuun ni danda’ama. Ragaaleen kunis odeeffannoo qaama Koree Nageenyaa kan ture Dr. Milkeessaa Miidhagsaa irraa argamuu dabalata. Reuters ragaalee qorannoo isaa kana geggeessaa Komiishina Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Obbo Daani’el Baqqalaaf akka dhiheessee fi Obbo Daani’eelis ijaarsi Koree Nageenyaa kun jiraatuu mirkaneessuu gabaasni kun ni agarsiisa. Akka gabaasa kanaatti gareen Obbo Daani’eel Baqqalaa ajjeechaa seeraa alaa, hidhaa fi dararama Koreen Nageenya kun Oromiyaa keessatti rawwatan galmeessuu isaanii mirkaneessu.
Walumaa gala ragaalee qoranoo Reuters fi ibsoota ABOn yeroo adda addaatti baasaa ture waan ifoomse ajjeechaa, hidhaa fi dararamni hammeenyaa Oromiyaa keessatti rawwatamu aangawoota mootummaa seera mootummaan ijaaramaniin ta’uu isaa ti. Kanas kan qindeessee gaggeessu maqaa Koree Nageenyaan ta’uun ifa. Caasaan koree kanaas Finfinnee irraa haga Zooniilee, magaalota, onootaa fi haga bulchiinsa gandaatti diriiree jira. Yakkootni suukanneessoo ta’an kun kan raawwataman Koree Nageenyaa fi caasaa isaaniin itti yaadamee, karoorfamee fi ta’ee jedhamee ta’uu ragaaleen ni mirkaneessu. Kun ammoo heeraa fi seera biyyattiis ta’e kan Idil-addunyaa jalaa dhokachuu waan hin dandeenyeef, itti gaafatamummaa seeraa jalaa bahuun hin danda’amu.
Daran yaadessa kan ta’e har’as ajjeechaan seeraa alaa, hidhaa fi dararaan kun amma illee Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiraachuu isaa ti. Amma illee rakkoon siyaasaa fi dhiittaan mirga dhala namaa hamaan kun hawaasa addunyaa, dhaabbilee mirga dhala namaa fi miidiyaalee biratti dhageettii gahaa hin arganne. Kanaaf namni, gareen ykn angawoonni mootummaa yakkoota suukanneessoo akkanaa raawwatan seeraan akka gaafataman ummatni Oromoo, ummatootni Itoophiyaa fi hawaasni Idil-addunyaa dhiibbaa akka godhan ABOn waamicha isaa dhiheessa. Yakkamtootni yakka hojjetaniif itti gaafatamuu qabu.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisumaa Oromoo
Bitootessa 11, 2024