Uhuruun sochii Itoophiyaatti nagaan akka bu’u eegalan itti fufuuf waliigaluu pirezidaantii Keeniyaa Ruutoon himan
(SQ-Fulbaana 13,2022)
Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa Itoophiyaatti nagaan akka bu’u sochii eegalan itti fufuuf waliigaluu pirezidant Wiiliyaam Ruutoo himan.
Haasaa guyyaa kakuu raawwatanirratti taasisaniin Uhuruun ‘hojii jajamuu qabu dalagan’ jechuunis Ruutoon isaan ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee aangawoonni biyyoota adda addaa argamaniiru.
Ruutoon Keeniyaan biyyoota kaaniifis fakkeenya tahuu akka dandeessu eeruun bulchiinsi isaanii guddina dimokiraasii biyyattiif kana caalaa akka hojjetu himan.
Pirezidantii shanaffaa Keeniyaa kan ta’an Ruutoon sochii nagaan Itoophiyaafi bakkeewwan akka Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti akka bu’u pirezidantiin duraanii eegalaniif tumsa akka taasisan himan.
‘’Uhuruun mariiwwan kana ummata Keeniyaa bakka bu’uun itti fufsiisuuf waliigalaniiru. Mootummaan Keeniyaafi ani sochiiwwan Uhuruun gaggeeffamuf tumsa barbaachisu ni goona.’’
Ruutoon mariin Uhuruun waa’ee Itoophiyaa dura taa’aa ta’un gaggeessu jedhan amma ifa miti.
Kana dura garuu waraana Itoophiyaatti jalqabe mariin xumuruuf pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaan ifatti sochii taasisaa turaniiru