Haleellaa Diroonii Maqaleetti rawwaateen namoonni 10 ajjeefamuu Hospitaalli Ayidar ibse.
(SQ-Fulbaana 14,2022)
Qondaalli TPLF Geetaachoo Raddaa haleellaan diroonii har’a magaalaa Maqaleetti raawwachuu tiwiitarii isaarratti barreesse.
Haleellaan kun iddoo jiraattotaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu kan barreesse qondaalli TPLF kun, haleellichaafis mootummaa federaalaa komateera.
Hospitaalli guddichi magaalaa Maqaleetti argamu, Hospitaalli Ayidar haleellaa ganama kana mudateen namoonni lubbuun darbuu fi kanneen miidhaan irra ga’e yaalamaa jiraachuu ibseera.
Hospitaalicha keessa kan hojjetan Dr Faasikaa Amdasillaasee, shamarran lama rukutamanii hospitaala seenuu argeera jedhan.
”Shamarran lameen rukutamanii hospitaala seenan keessaa tokko mooraashee keessatti tokko ammoo fuuldura mooraasheetti rukutamte,” jedhan ogeessi fayyaa kun.
Hospitaalichi kana kan ibse erga hooggantoonni Tigraay haleellaan diroonii har’as dabalataan raawwachuu ibsaniiti.
Daarektarri Olaanaa Hospitaala Aydar Dr Kibroom Gabrasillaasee, haleellaa Kanaan hanga ammaatti namoonni 10 ajjeefamuu fi hedduun madaa’uu tiwiitarii isaaniirratti ibsan.
‘’Har’a ganamaan haleellaan diroonii si’a lama raawwateera. Inni lammaffaarratti raawwate akkaan hamaa ture. Kanneen namoota miidhaman baraaruuf ba’an irratti kan xiyyeeffate ture. Ammallee kanneen miidhaman gara hsopitaalaa dhufaa jiru,’’ jechuun haal jiru ibsan.
‘’Guyyuu ganama ganama haleellaa dirooniin lammiileen lubbuu dhabuu dhagahuun baayyee nama gaddisiisa.’’
Haleellaan diroonii kun har’a ganama akka lakkoofsa biyyaatti sa’aatii 1:30 irratti ta’uu fi iddoo jireenyaa Midra Gannat jedhamu irratti kan xiyyeeffate akka tures hoogganaan hospitaala Ayidar kun ibsaniiru.
Humnoonni Tigraay kaleessas Fulbaana 13, 2022 haleellaan qilleensarraa dirooniidhaan raawwachuu ibsanii turan.
Haleellaa har’a raawwateen lammiileen nagaa ajjeefamuu Obbo Geetaachoon himeera.
Mootummaan federaalaa himannaa TPLF kanarratti hanga yoonaa homaa hin dubbanne.
Obbo Geetaachoo Raddaa lammiileen nagaa ajjeefamuu malee namni meeqa akka ajjeefame hin ibsine.