Haleeellaa Finxaaleyyiin Amaaraa fi Faannoo Waliin ta’uun uummata oromoo irratti raawwachaa jiraniif qaamni furmaata nuuf kennu hin argamne jedhan jiraattonni.

Haleeellaa Finxaaleyyiin Amaaraa fi Faannoo Waliin ta’uun uummata oromoo irratti raawwachaa jiraniif qaamni furmaata nuuf kennu hin argamne jedhan jiraattonni.

(SQ-Fulbaana 14,2022)

Haleellaa finxaaleyyii Amaaraa fi Faannoon waliin ta’uun Uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraniif qaamni furmaata nuuf kennu hin argamne jedhu jiraattonni.

Akka dhalataan Aanaa Horroo Bulluq akka nuuf himetti, haleellaafi saamicha Finxaaleyyiin Amaaraafi shororkeessitoonni Faannoo guyyoota shan dura ganda Bonee Abuunaafi Guddinaa Abuunaatti raawwataniin, lubbuun nama 47 darbee loon hawaasa dhibbootaan lakka’aman saamamuun, Jiraattonni hedduun qe’eefi qabeenya ofiirraa buqqaafamanis hanga yoonaa qaamoleen mootummaa dhimmicha tasgabbeessan gara gandoota kanaatti hin ergamne.

Haaluma wal fakkaatuu Aanaa Amuruuttis gandootni baadiyyaa 16 guutummaa guutuutti harka Finxaaleyyii kanaa keessa jiraatanis, mootummaan naannoo Oromiyaa magaalaa Oborraafi Agamsa qofatti of daangessee taa’uun alatti, gandoota kaan deebisuuf yaalii homaa gochaa hin jiru jedhu.
Haleellaa tibbana magaalaa Agamsaatti raawwatameen lubbuun nama 103 darbuun cinatti, hawaasni magaalittii hedduun buqqaafamuun magaalaa Oborraafi Joojii Migiritti baqatee ture.
Yeroo ammaa kana namoonni muraasni gara qe’eesaaniitti kan deebi’an taa’anis, irra caalaan namoota buqqaafamanii gargaarsa dhabuun buufata itti baqatan keessatti beelaafi dhukkubaan miidhamaa jiru jedhame.
Achuma ollaa Aanaa Amuruu kan taate, Godina Wallagga Bahaa Aanaan Kiiramuus rakkoo wal fakkaataa keessa jiraachuu odeeffanneerra.
Akka jiraataan magaalaa Kiiramuu tokko nuuf himetti, gandootni baadiyyaa Aanaa Kiiramuu 13 fi magaalaan xixiqqoo akka Haroo harka Finxaaleyyii Amaaraa keessatti kufuun erga bulchiinsa Oromiyaa jalaa baatee waggaa tokko ta’uuf adeema.

Duulli qindaa’aan Finxaaleyyii Amaaraatiin baname kun jabaachuun bakkoota hedduutti hawaasa Oromoo qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaasuun cinatti, lubbuu namoota danuu bilaashatti dabarsaa jira.

Magaalaa Naqamteetti baay’ee dhihoo kan taate, Aanaa Guutoo Giddaatti bulchiinsa magaalaa Ukkee keessatti haleellaa Finxaaleyyiin Amaaraa guyyaa afur dura raawwataniin lubbuun nama 32 darbeera. Qabeenyi ilmaan Oromoos qofaatti adda baafamuun barbadeeffameera; gariin saamameera.
Haleellaa ifaan mul’atu akka kanaan alatti, gargaarsi adda addaa uummata aanaalee haleelamanirraa buqqaa’an akka hin qaqqabneef, akkasumas ammoo poolisiifi qaamoleen nageenyaa akka hin birmanneef mootummaan gochoota ulfaatoo raawwachaa jiraachuun, duulli kun herrega siyaasaa mootummaan nurratti tabataa jirudha jennee akka yaadnu nu godheera jedhu jiraattonni.
Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa, Amuruu, Jaartee Jaardagaa, Abbee Dongoroo, Horro Bulluqiifi Aanaa Horroo dabalatee Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu, Galiilaa, Giddaa, Guutoo Giddaafi Angar Guutee erga waraana qinda’aa faannoofi Finxaaleyyiitiin isaanirratti babamee as, tajaajila misoomawwan bu’uraa hedduun illee irraa citee jira.

Daandii fi geejiba dabalatee sararri ibsaafi bilbiliaa, akkasumas dhaabbileen fayyaa hedduun hojiirra akka hin jirre himanii, bara 2014 keessas godinoota lamaan keessatti gandoota baadiyyaa hedduutti manneen barbootaa cufamuurraa kan ka’e, sirni baruufi barsiisuu akka hin turre yaadachiisu.
Duula qinda’aa gareen shororkeessaa Faannoo fi finxaaleyyii Amaaraa mootummaa naannoo Amaaraatiin bobbaafamanii, daangaa ce’uun haleellaa raawwatan kana ilaalchisee, Dhaabbanni falma mirga namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen lubbuun namoota nagaa hedduu darbuu, lolichis sabummaarratti xiyyeeffachuunsaa ibsamee ture.
Haa ta’uu malee garuu, Mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e Federaalaa dhimma kana ilaalchisuun homaa hin jenne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *