Arsii Lixaatti Bilxiginnaan miseensa KFO tokko achi buutee dhabamsiisee.

Arsii Lixaatti Bilxiginnaan miseensa KFO tokko achi buutee dhabamsiisee.

(SQ-Fulbaana 14,2022)

Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti miseensi Kongiransii Federaalawa Oromoo obbo Shaalloo Argoo jedhaman humnoota tikaatiin ukkaamfamuun achi buuteen isaa dhabamuu maddeen keenya SQtti himan.

Obbo Shaalloo Argoo miseensa buleessa KFOti kan jedhan maddeen, erga torbaan sadi dura Aanaa Heeban Arsii gandaa Dagaagaa magaalaa Goljoo keessatti namoota shan wajjiin qabamee hidhamee, achi buuteen isaa hin argamne jedhu.

Obbo Shaalloo Argoo erga hidhamani booda halkan mana hidhaa keessaa baafamee akka dhabamsiifame maddi odeefannoon gamasii arganne ni ifoomsa.

Maatiin isaa Waajjira Poolisii fi manneen murtii aanichaa gaafatanis deebiin argatan akka hin jirre kan himuum, badii qabaatee osoo hin taane yeroo qabamu qunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin qabda jedhamuun akka qabame himu.

Haa ta’u malee Obbo Shaalloon miseensa buleessa Paartii KFAO ta’uu eeruun, quunnamtii kan biraa tokkoyyuu akka hin qabnee fi karaa nagaa akka qabsaa’us dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *