Oromiyaa Bahaa Harargee Lixaa keessatti namoota dhuunfaa hojii idilee isaanii irraa qabanii hidhanii murni Abbaa Irree yakka shororkeessummaan himachuun murtee Dabaa irratti dabarse.
Harargee Lixaa fi naannawa ishee keessatti yakka shororkeessummaa raawwataniiru jechuun murni Abbaa Irree ilmaan Oromoo miseensota ABO fi KFO tahan namoota 27 irratti hidhaa cimaa waggaa 23 hanga waggaa 1 fi ji’a 6 itti murteessee jira.
Namootni hidhaan dabaa Abbaa Irree itti murteesse tarrisni isaanii:
1. Himatamaan 1ffaa Ahmed Mohamed Godaa hidhaa cimaa waggaa 23 itti murtaa’e;
2. Himatamaan 4ffaa Abdu Kaarim Ibraahim
Andris hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
3. Himatamaa 5ffaa Alii Khaasaa Abdella irratti adabbiin hidhaa cimaa waggaa 15 itti murtaa’e;
4. Himatamaan 7ffaa Caalaa Huseen Asaboot hidhaa cimaa waggaa 11 itti murtaa’e;
5. Himatamaan 8ffaa Abdii Muhammad Alii hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
6. Himatamaan 11ffaa Mohaammad Kuramaa Ibraahim hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
7. Himatamaan 12ffaa Mohaammad Abdullaah Sheekaa hidhaa waggaa 16 fi ji’a 6 itti murtaa’e;
8. Himatamaa 14ffaa Nuredin Shemshedin Mohammed hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
9. Himatamaan 17ffaa Alii Jamaa Huseen hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
10. Himatamaan 18ffaa Guutoo Naasir Ahmad hidhaa waggaa 14 itti murtaa’e.
11. Himatamaa 19ffaa Abdul Qadir Adam Abdul Qadir hidhaa cimaa waggaa 15 itti murtaa’e;
12. Himatamaan 24ffaa Mesru Abdella Amede hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
13. Himatamaan 28ffaa Osaamaa Abbaa Hassanoo hidhaa waggaa 14 itti murtaa’e.
14. Himatamaan 29ffaa Saadiq Ammayyuu Muusaa hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
15. Himatamaan 30ffaa Alii Ibraahim Abdallaah hidhaa cimaa waggaa 13 itti murtaa’e;
16. Himatamaan 31ffaa Abdii Hasan Alii hidhaa waggaa 1 fi ji’a 4 itti murtaa’e;
17. Himatamaan 35ffaa Hakeem Mohammad Amee hidhaa waggaa 9 itti murtaa’uu qaba.
18. Himatamaan 36ffaa Ahmednejib Abdujabar Dade hidhaa waggaa 2 itti murtaa’e.
19. Himatamaan 37ffaa Ahmed Abbaas Mohaammad hidhaa cimaa waggaa 2 itti murtaa’e;
20. Himatamaan 38ffaa Nuree Isaakoo Aayilii hidhaa waggaa 1 fi ji’a 6 itti murtaa’e;
21. Himatamaan 39ffaa Aayilii Usmaa’eel Aayilii hidhaa waggaa 1 fi ji’a 2 itti murtaa’e;
22. Himatamaan 40ffaa Haaji Muhammad Abdallaah hidhaa waggaa 1 fi ji’a 2 itti murtaa’e;
23. Himatamaan 41ffaa Hasan Mohaammad Ahmad hidhaa waggaa 4 fi ji’a 5 itti murtaa’e;
24. Himatamaan 42ffaa Awal Ahmed legash hidhaa waggaa 1 fi ji’a 6 itti murtaa’e.
25. Himatamaan 43ffaa Faad Yuusuf Adam hidhaa waggaa 4 fi ji’a 5 itti murtaa’e;
26. Himatamaan 44ffaa Nuur Alii Adam hidhaa waggaa 4 fi ji’a 5 itti murtaa’e;
27. Himatamaan 46ffaa Ibsaa Huseen Alii hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji’a 10 itti murtaa’e.
Hidhamtootni kun Ilmaan Oromoo sababa miseensota PP tahuu didanii fi miseensota ABO fi KFO tahan qofaan Oromummaa isaaniin yakkamanii murna Abbaa Irreen murteen kun irratti darbeera.