“Oromoon Masara Miniliik seenu; ofiis,Oromoos balleessee bada” Professor Mararaa Guddinaa‼️
Mootummaan Abbaa Irree PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun duula humnoota finxaaleyyii Faannoof baajata ramadee godinoota Wallaggaa lamaan (W/Bahaa fi Horroo Guduruu) dabalatee Godina Salaalee fi Shawaa Bahaa daangaalee dachten Oromiyaa Naannoo Amaaraan wal daangessu keessatti PPn duula“Qurxummicha dhabmsiisuuf Galaanicha gogsuu “ jedhuun abidda amma PPn Abiy Ahmed Ali durfamu qabsiisaa jiran,ummata naannoo sanaa qofaa miti,PPn Ummata Oromoo irratti gochaa cigaasisaa fi seenaa keessatti dhiifama hin qabne raawwachaa jirti.
Xiinsammuu ummata sanaa cabsuu fi WBO ittiin laaffisuuf tarsiimoo dadhabaa Shimallis Abdiisaatti fayyadamuun Abiyyiin maallaqa guddaa ramaduun tumsa raayyaa Ittisa biyyaan finxaaleyyiin Faannoo Amma Iizii Wallaggaa jechuun hundoofne jedhan hoggansummaa Abiyyi Ahimed sirna PPn tahuu Ummatni Oromoo beekee kun,Impaayerattii diigurra darbee,Civil War isa hamaatti Saba Oromoo fi Amaaraa gidduutti adeemsisuuf waan jiruuf dura dhaabbachuu qaba.
Faannoo Godinoota Wallaggaa Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti ijaaree kan bobbaase fi odeessa kennaa kan qajeelchaa jiru caasaa pp Abiyyi Ahimed irraa eegalee hanga gadiitti jirudha.
Ummata Amaaraa bifa garagaraatiin naannoo kanatti qubate,”godina addaa gaafadhaa” jedhee kan onnee itti hore,darbeemmoo “Humna hidhatee bakka sana socho’u,ijaaramaa,hidhadhaati ofirraa qoladhaa” jadhee kan eyyema kenneef Mootummaa Abbaa Irree Abiyyiin durfamu karaa itti aanaa isaa duraanii Dammaqaa Mokonniin tahuu ifaadha .
Kufaatii siyaasaa dandamachuu fi jaalala Amaaraa argachuuf,ummata Amaaraa naannoo Oromiyaa keessa jiraatan hidhachiisee WBO Lolaa jechuun yakka amma ummata Oromoo irratti sirni PP raawwachiisaa jiru qumaara taphachaa jira waan taheef Ummatni Oromoo keessaa fi alaa Irree tokkoon dura dhaabbachuun sirna abbaa Irree dhabamsiisuun dirqama jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti
Mootummaan Abbaa Irree PPn gama isaatin gochaa hammeenyaa seenaa keessatti dhiifama hin qabne dhuminsa sabummaan impaayera Itiyoophiyaa keessatti raawwataa jiruuf quuqamtootni ilmaan Oromoo PP keessa jirtanis nu gahe jechuun ummata keessaniif yeroon itti sagalee taatan qofa osoo hin taane gochaa qumaaraa siyaasaa Abiyyi itti dhabamsiiftan amma jenna.
Qumaara siyaasaa walitti buusanii jaarsummaa taa’uu fi tokko qabatanii isa kaan rukkutuu amala sirna Abbaa Irree waan taheef Abiyyi Ahimedis hoolaa isaa Shimallis Abdiisaa qabatee kanuma amaleeffateera.
lammiileen nagaa yoo dhuman,dhiigicha keessaa harkikoo qulqulluudha jachuu kan jaallatu Abbaan Irree Abiyyi Ahimed dhumaatii sabootaan barcuma isaa sirreeffachaa dhiigaa fi lafee sabootaan misooma faarsuun abadan dhaabbachuu qaba.