Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa mirga himatamuu dhabuu miseensa tokkoo haquufi jedhame.
Ebla-3/2023
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa walgahii isaa idilee 13ffaa boruutiin mirga seeraan himatamuu dhabuu miseensa maqaan hin himamne tokkoo haquuf akka jiru beeksise.
Manni maricha walgahii isaa boruu Ebla 4/2023 gaggeessuuf jiru mirga himatamuu miseensa olaanaa tokkoo haquu dabalatee muudama pireezidantii fi pireezidantii itti aanaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa qoratee ni mirkaneessa jedhamees eegama.
Madda:MMBBU