Shawaa Lixaa Abuunaa Gindabaratitti Waraanni Bilxginnaa namoota 9 ajjeesuun mana namoota 3 ammoo ibiddaan barbadeesse.
(SQ-Gurraandhala 17,2022)
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gaagoo Biitee jedhamutti Gurraandhala 16,2022 Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa ykn meesha maleeyyii 9 ajjeesuun akkasuma manaafi qabeenya namoota 3 ibiddaan barbadeessu maddeen SQ nuuf himan.
Namoonni ajjeefaman kunneenis
1,Shaashoo Kabbee
2,Toollii Kabbee
3,Bookii Bulchaa
4,Dabalaa Doftor
5,Masarat Hannaa
6,Maanguddoo Baayisaa Gammadaa
7,Abbabaa Gaddafaa
8,Tufaa Abbaa falmaa
9,Abuunaa Dabalee kanneen jedhaman warreen ajjeefaman yoo ta’u .kanneen manniifi qabeenyi isaanii jala gubate ammoo
1,Obbo Badhaadhaa Gabbisaa
2,Obbo Boojaa Deebisaa
3,Obbo Masuu Hirkoo kan jedhaman jala qabeenyiifi manni isaan qaban guutummaatti Waraana Bilxginnaan jala barbadaa’eera.
Maqaa Shanee gargaartu jedhuun Waraanni Bilxginnaa Oromiyaa bakka hundatti ajjeecha suukanneessaa rawwaachu jabeesse itti fufee jira .