Oromoo fi Itiyoophiyaan waliif maali?

Ummatni Oromoo Mormii gaggeessu keessatti mormii Innikkaati.
Mormii Innikkaa jechuun maal?

mudde 12/2022

Mormii Innikkaa jechuun ๐Ÿ‘‡

“Mormiin cunqursaa fi cunqurfamaa gidduu jiru mormii innikkaa dha. Mormiin hin araaramne mormii innikkaa ti. Mootummaa gabroomfataa fi cunqurfamtoota gidduu mormiin jiru hin araaramu. Mormiin kun yeroo hiikamu qaamni lamaan adda bahuu qaban. Cunqursaa fi cunqurfamaan adda bahuu ykn tokko dhabamuu qaba. Gabroomfatooti biyya gabroomsan tolaan gad hin dhiisan. Afaan qawween ykn qabsoon injifatamanii gad dhiisu. Mormiin sirna mootummaa Itophiyaa fi ummata Oromoo gidduu jiru mormii innikkaa dha. Ummatni Oromoo humnaan cabee kolonii isaani jalatti kufe. Afaan qawweetiis achi keessatti eegamaa jira. Ummatni Oromoo mirga isaa akka argatu itti hin dhiisan. Biyya isaa irraas tolaan hin deeman”.

walumaa galatti Oromoon kan gaggeessu Mormii innikkaati waan taheef mormii kana qabsoon irra aanuu ykn dhabamee baduu qaba jechuudha.

Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti Oromoo irratti raawwatamaa jiruun Oromoo dhabamsiisuuf yaaliin taasifamaa jira kanaaf immoo Ilmi Oromoo kamuu dhabamuurra mormii isaa itti fufee morma isaa kennee sirna isa dhabamsiisuuf carraaqu dhabamsiisuuf mormii Innikkaatti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *