Finfinnee Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Jeneraal Waaqoo Guutuu irraa Barsiisota 4 dabalatee barsiisotni hedduun humna waraanaan ukkaamsamuun hidhaman.

Finfinnee Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Jeneraal Waaqoo Guutuu irraa Barsiisota 4 dabalatee barsiisotni hedduun humna waraanaan ukkaamsamuun hidhaman.

Mudde-12/2022

 

Duguuggaa sanyii Ilmaan Oromoo irratti gaggeeffame ilaalchisee tibbana guutuu Oromiyaa keessatti barattootni yuuniversiitilee fi manneen barnootaa sadrakaa 2ffaa hiriira bahuun Oromoo haa barararu Oromiyaa haa eeggannu kan jedhuun mormii bahuun morma keenya oolfachuuf falmachuun dirqama jechaatti jiru.

 

Mormii barattootni karaa nagaa sagalee isaanii dhageesisan irratti murni pp ilmaan Oromoo hedduu qabee ukkaamsuun hidhaa kan jiruu fi reebicha hamaaf saaxilaa jiraachuu gabaasaaleen SQ qaqqabaa jiran ni ifooomsu.

 

Odeessaalee hidhaa nu qaqqabaa jiran keessaa Finfinnee keessatti kan argamu mana barumsaa J/Waaqoo Guutuu irraa barsiisota afurii fi barattoota ammaaaf baayโ€™inni isaanii gara 50 siiqan humnoota waraanaan ukkaamsamanii hidhamanii jiraachuun beekameera.

 

Akka Kanaan maqaa barsiisota hidhamanii:

 

1,Brs Alamaayyoo Nugusaa

2, Brs Geetuu Taaddasaa

3, Brs Hundeessaa Baqqalaa

4, Brs Eliyaas kan jedhamu dabalatee barattootni baayโ€™inaan 50 tahan humnoota waraanaa ppn qabamanii ukkaamsauun beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *