Humni waraanaa bilxiginnaa Amboo keessatti barattoota ukkaamsee dhabamsiisaa jira.

Humni waraanaa bilxiginnaa Amboo keessatti barattoota ukkaamsee dhabamsiisaa jira.

Mudde 12/2022

Ajjeechaa sukkaneessaa finxaaleyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti raawwataniif Murni pp ilmaan Oromoo mormii gaggeessan barattootaa fi barsiisota qabee ukkaamsaa jira. Guyyaa harโ€™aa Mudde 12/2022 magaalaa Amboo keessatti barattoota hedduu humni waraanaa murna bilxiginnaaf ergamu qabee ukkaamsuu gabaasaan SQ qaqqabee jira. Barattoota humna waraanaa bilxiginnaan qabamanii ukkaamsaman kan maqaan isaanii nu qaqqabe barataa Obsaa_Ababaa , barattuu Hawwii_Moosisaa fi barattuu Ayyaantuu_Itichaa kanneen jedhaman dabalatee barattootni maqaan isaanii nun qaqqabne hedduun doormii keessaa maaliif sagalee mormii dhageesiftan jedhamuun ukkaamsamaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *