Miidhama Magaalaa Agamsaatti Uummata Oromoo irra gahe haalaan Ulfaataa ta’uu ibsame.
(SQ-Hagayya 30,2022)
Weerara humna finxaaleyyii Faannoon Hagayya 29,2022 irraa qabee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu magaalaa Agamsaatti balaan dhaqqabee fi dhaqqabaa jiru kan miidiyaalee hawaasaa irratti ba’aa jiruun ol akka ta’e maddeen keenya ibsaa jiru.
Ummatni kumootaan qe’ee ofii irraa dirqamee waan qabu facaasee buqqa’aa jiraachuu qofa osoo hin taane, namni akka baalaatti harca’aa jira; qaamni dirmatus hin jiru jechuun maddeen keenya ulfaatina gaaga’aa kanaa ifa godhu.
Ummatni lubbuu baasachuuf buqqa’e waan nyaatu, bakka buluu fi ittisa tokkollee kan hin qabnee fi gariin bosonatti nammee gara itti galagalu dhabee rakkoo hamtuu keessa jiru jechuun maddeen keenya ifa godhu. Haala kana keessatti ammoo maanguddootni jaaran, dubartootnii fi daa’imman akka malee hiraaruu addeessu.
Humni finxaaleyyii Faannoo godina kanaa fi godinaalee Oromiyaa biroo keessatti irra deddeebiin gaaga’ama gugurdoo ummata Oromoo irraan ga’aa turuu gabaasuun keenya kan yaadatamuu dha.