Shawaa Bahaa fi lixaatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota 3 ajjeesuun 3 madeessuun beekame.

Shawaa Bahaa fi lixaatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota 3 ajjeesuun 3 madeessuun beekame.

(SQ-Hagayya 30,2022)

Mootummaan Bilxiginnaa maqaa sakatta’a waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun, badii tokko malee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiraachuu guyyaa guyyaan gabaasaa kan jirrudha.

Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Shawaa kaabaa Salaalee Aanaa Dagam Ganda Yaayyaa Haroo jedhamutti dargaggoota 5 mana maatii isaaniitii qabuudhaan, laga Mogor bakka jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeessani gatuu maddeen SQtti himan.

Dargaggoota Oromoo badii tokko malee waraanni Bilxiginnaa rasaasaan rukutuun gatan keessaa dargaggoonni 2 maqaan isaanii Ijaaraa Mokonnonii fi Fiqaadaa Tolasaa yoo du’an dargaggoonni 3 hafan kan ammaaf maqaan isaanii addaa hin baane madaa’u maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Dargaggoota ajjeefaman keessa haga oduu kana qindeessinetti reeffa Fiqaadaa Tolasaa qofti kan argame yoo ta’u reeffi ijaaraa Mokonnin barbaadamee yoo dhabamu warreen mada’an sadan, miidhaa hamaaf saaxilamuun mana yaalaa jiru jedhu.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabanidha kan jedhan maddeen, badii qabaatanii osoo hin waraanni Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhu itti maxxansuun haala suukanneessaan ajjeesan jedhu.

Oduuma wal fakkaatuun, Hagayya 29/2022 Waraanni faashistii Bilxiginnaa godina Shawaa lixaa Aanaa Dirree Incinnii bakka kolleejjii BLTO jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Misgaanaa Sabbooqaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen SQ.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti dargaggoon kun nama siyaasa keessaa qooda hin qabne yoo ta’u, waraanni Bilxiginnaa badii tokko malee sinaayiperaan adda rukutee ajjeese jechuun miira gaddaan dubbatu.

Waraanni faashistii Bilxiginnaa tarkaanfii Waraana Bilisimmaa Oromoodhaan irratti fudhatamu jala dhaabbachuu dadhabuudhaan, Aarii WBO uummata nagaa irratti ba’a jira kan jedhan maddeen, yeroo ammaa sababa Waraana Bilxiginnaaf gadi baanee ol deebi’uufuu yaaddoo guddaa keessa jirras jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *