Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo – ABO

Hayyuun Oromoo Bara Jireenya Isaanii Guutuu Qabsoo Oromoof Qooda Guddaa Kennaa, Oromummaa Ijaaruuf Ifaajjaa turan Dr.Moggaa Firrisaa Du’aan Of Biraa Dhabuun Hunda Keenyaaf Gadda Olaanaa Dha.

Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo – ABO

Hayyuun Oromoo, qabsaa’aan Mirgaa fi Bilisummaa Oromoo Dr.Moggaa Firrisaa bara jireenya isaanii guutuu deemsa sochii qabsoo bilisummaa Oromoo keessa kan jiraatan, ummatni Oromoo roorroo fi cunqursaa alagaa jalaa ba’ee mirga akka argatuuf bara dargaggummaa isaanii irraa qabee haga du’aniitti ummata kanaaf hojjetaniiru. Jireenyi isaanii guutuun qaama jireenya qabsoo ummata Oromoo ta’ee darbee jira. Hayyuu fi sabboonaa ummata isaaf falmaa jiraate akka Dr.Moggaa Firrisaa du’aan of biraa dhabuun ulfaataa dha.

Dr. Moggaa Firrisaa Kibba-lixa Oromiyaa Godina Jimmaa Ona Goommaatti bara 1928 abbaa isaanii Abbaa Duulaa waraanaa Obbo Firrisaa Abbaa-Saanbii Abbaa-Waarii fi Haadha isaanii aadde Mariyyamaa Abbaa-Duulaa irraa dhalatan. Dr. Moggaan maatii roorroo diinaa falmatan irraa kan dhalatan abbaan isaanii Abbaan Duulaa Firrisaa Abbaa Saanbii obbolaa isaa 9 waliin lola Xaaliyaanii keessatti bakka Geeraa jedhamutti Faashistii Xaaliyaaniin akka ajjeefaman seenaa duubbee irra baruun danda’ameera. Sababa abbaan isaa du’aniif Dr.Moggaan Fifinnetti Mootii Haylasilaaseen fudhatamuun Barnoota isaanii jalqabaa mana barnootaa Madaanalemitti baratan. Barnoota isaanii olaanaas Koolleejjii Fayyaa Yuunivarsiitii Gondaritti Qondaalummaa Fayyaa (Health Officer) baratan. Itti fufuunis Yuunivarsiitii Finfinnee irraa barnoota Fayyaan hanga digirii doktarummaatti barachuun Ogummaa Fayyaan magaalaa Foinfineetti kanneen argaman Hospitaalota akka Xuqur Anbassaa, Phaawuloosii fi Zawdutuu dabalatee iddoo gara garaatti ganna 33f ummata isaanii tajaajilaa akka turan seenaa isaanii irraa ni hubatama.

Ejersi guddaan fakkiin dhalootaa Dr.Moggaan umrii ijoolummaa isaa irraa kaasee qabsoo Oromoo keessatti nama qooda ifaa fi mul’ataa kennaa turanii fi hundeessaa Waldaa Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa fi Itti Aanaa Pirezedaantii Waldichaa ta’anii waggoota dheeraaf tajaajilaiiru. Gootota Oromoo mirgaa fi bilisummaa ummata Oromoof falmaa godhaa turanii fi bu’uura sabboonummaa warra ta’an kan akka Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Koloneel Alamu Qixxeessaa faa waliin qabsaa’aa turuu seenaan jireenya isaanii irraa hubatuun ni danda’ama.

Bara jireenya isaanii sabboonummaa Oromoo itichuu, qabsoo Oromoo kutannoo addaan utubuu fi dhalootaaf fakkii addaa ta’uun kan beekaman Dr.Moggaa Firrisaa, bara dukkanaa sana qabsoo Oromoo keessatti wareegama qaamaa- qalbii baasaa akka turan seenaan isaanii ni hima.

Kanaan alattis hayyuu fi sabboonaan Oromoo Dr.Moggaa Firrisaa, Warraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo (WFDO) hundeessuun Itti Aanaa Dura Taa’aa akka ta’anii tajaajilanii fi achi irraas Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) keessatti miseensa hoogganaa ta’uun akka hojjetan seenaan isaanii ni hubachiisa.
Hayyuu fi sabboonaan Oromoo Dr.Moggaa Firrisaa dhukkubsatanii Adoolessa 13, 2025 umrii isaanii waggaa 97tti addunyaa kana irraa du’aan darban. Sirni awwaalcha isaanii bakka ummanni Oromoo bal’aan argamanitti Magaalaa Finfinneetti raawwatameera.Qooda isaan deemsa qabsoo bilisummaa sabaa keessatti kennan seenaan bara baraan yaadata.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn du’aan of biraa dhabuu hayyuu fi sabboonaa Oromoo Dr.Moggaa Firrisaatti gaddi itti dhaga’ame olaanaa tahuu ibsaa, isaaniif jannata, maatii, firootaa fi ummata Oromoo cufaaf obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsaawaan ni kufa, Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 14, 2025
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *