Qabsaawaa, barreessaa fi gaazexeessaa kan tahe Jaal Kumsaa Buraayyuu of biraa dhabuun gadda guddaa dha.
Ibsa Gaddaa Addaa Bilisummaa Oromoo – ABO, Du’aan boqochuu Jaal Kumsaa Buraayyuu ilaalchisee bahe
Jaal Kumsaan abbaa isaa Obbo Buraayyuu Baloo Dabalii fi haadha isaa Aadde Zoodituu Wayyeessaa Xiixaa irraa baatii Sadaasaa bara 1969 keessa (G.C) bulchiinsa yeroo sanaa Kutaa biyya Wallaggaa, Konyaa Horroo Guduruu, Ona Eebantuu, Ganda Annisoo, bakka Harbuu Jaankoo jedhamutti dhalate. Akkuma umuriin isaa barnootaaf gaheen, Jaal Kumsaan barnoota isaa kan sadarkaa jalqabaa Mana Barnootaa Qeellootti, sadarkaa Jiddu-galeessaa Mana Barnootaa Hindeetti, Sadarkaa Lammaffaa Mana Barnootaa Giddaa Ayyaanaatti barachuun bara 1987 keessa sadarkaa lammaffaa xumure.
Seenaa qabsoo Jaal Kumsaa keessatti barri 1988 hanga 1990tti qormaata adda addaa hedduu keessa kan taree dha. Bara 1989 keessa Jaal Kumsaan dhoksaadhaan Finfinnee keessatti maadhee Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessu waliin lafa jala gurmaa’ee sochii qabsoo dagaagsuu keessatti qooda tokko tokko fudhachuu eegale. Jalqaba 1990 keessas Qabsoo Bilisumaa Oromoo ABOn geggeeffamu irraa qaamaan qooda fudhachuuf jecha gara Dirree Bahaatti bobba’ee hanga Konyaa Gaara Mul’ataa, Ona Doguutti erga deemeen booda cimina tika diinaa irraa kan ka’e amni sun akka inni yaadetti isaaf milkaa’uu waan dhabeef baatiwwan muraasa booda gara Finfinneetti deebi’uuf dirqame. Jaal Kumsaan bara 1991 Yuunversiitii Finfinneetti barnoota al-idilee (kan halkanii) jalqabee osoo barataa jiruu Mootummaan Dargii kufe.
Akkuma Mootummaan Dargii Kufeen Kumsaan Finfinnee irraa gara Dhiha Oromiyaatti bobba’ee qabsoo bilisummaa Oromoo kan ABOn hogganamutti makame. Leenjii ji’a murtooftee booda Kumsaan daballee ABO ta’uun filamee Waajjira ABO guddicha Gullallee, Finfinnee turetti ramadame. Walakkeessa Bara 1991 hanga walakkeessa bara 1992tti akka Dabballee ABOtti dirqamoota gurguddoo adda addaatti ramadamee hojjeteera: isaan keessaa muraasi; Barsiisaa Qubee Afaan Oromoo ta’uun Oromoota Finfinnee keessa jiraatan hedduu afaan ofiin dubbisuu fi barreessuu barsiiseera, Barsiisaa Seenaa Oromoo fi Seenaa ABO ta’uun Oromoota hedduu Finfinnee keessa jiraatan (kanneen yeroo sana Yunversiitii Finfinneetti barachaa turan dabalatee) Seenaa Saba isaanii fi seenaa Qabsoo Bilisummaa isaanii irratti hubannoota gumaacheeraf. Itti gaafatamaa Hawwisoo ABO Guutuu Oromiyaa ta’uun Aadaa Ummata Oromoo kan guutummaa Oromiyaa wiirtuu Qabsoo Bilisummaa jalatti gurmeessuun, tokkummaan saba keenyaa kan afaanii fi kan teessuma lafaa qofa osoo hin taane, kan dhiigaa fi lafee, kan jiruu fi jireenyaa ta’uu isaa mirkaneessuuf sochii godhamaa ture keessatti qooda isaa bahateera.
Bara 1992 keessa akkuma AWDUI (EPRDF) shiraan ABO Mootummaa Ce’umsaa keessaa baaseen Jaal Kumsaan dhaaba isaatiin ramadamee, jaallan isaa warra kaan waliin lafa jala hojii jaarmaa ABO itti fufe. Baruma 1992 kana keessa Kumsaan kitaaba asoosama Afaan Oromoo “Suuraa Abdii” jedhamu barreessee baatii Amajjii bara 1993 keessa maxxansiise. Kitaabni kun Kuusaa Gadoo fi Godaannisatti aanee seenaa maxxansaa asoosama Afaan Oromoo keessatti isa 3ffaa Afaan Oromoon barreeffame tahee jira.
Akkasumas, jalqaba bara 1993 irraa kaasee Jaal Kumsaan jaallan isaa waliin ta’uun dhaabbata Maxxansii fi Beeksisii Madda Walaabuu jedhamu hundeessuun barruulee siyaasaa, dinagdee, aadaa fi hawaasumma ummata Oromoo irratii xiyyeeffatu baatii baatiin maxxansuu eegale. Ayinaa fi xiyyeeffannoon barruulee Madda Walaabuu seenaa barreeffama barruulee Afaan Oromoof kan duraa ti jechuun ni danda’ama.
Jaal Kumsaan Gulaalaa barruulee Madda Walaabuu ta’ee eegala 1993 hanga dhuma 1995tti hojjeteera. Baroota Gulaalaa Madda Walaabuu turetti innii fi waahillan isaa tika AWDUI (EPRDF)n qabamanii yeroo hedduu Maa’ikalaawwii fi bakkoota adda addaatti hidhaan hiraarfamaa turaniiru. Barootuma Gulaalaa Madda Walaabuu ture kanatti, Jaal Kumsaan Yuunversiitii Finfinneetti deebi’ee barnoota isaa Muummee Siyaasaa fi Hariiroo Addunyaan itti fufuuf carraa yeroo gabaabduu argatee ture. Haa ta’u malee eegala 1996tti dirqamni Jaal Kumsaa fi jaallan isaa lafa jalaan ummata Oromoo Bilisummaa isaatiif ijaaraa turan sun tika diinaan (EPRDF)n waan saaxilameef Jaal Kumsaan biyya, maatii fi firoottan isaa dhiisee gara biyya ollaa, Jibuutiitti baqachuuf dirqame. Akkuma Jabuutii seeneen Jaal Kumsaan Waajjira ABO Jabuutiitti Gaafatamaa Birkii Jaarmaa ta’ee ramadame. Gaafatama kanaanis ummata Oromoo biyya Jabuutii keessa qubatanii jiran sagantaa siyaasaa ABOn leenjisuu, jaarmaa ABOtti ijaaruu fi bobbaasuun dirqama isaa bahateera.
Sochii mootummaan EPRDF biyyoota ollaa keessatti godhaa ture hammachaa waan dhufeef, jalqaba bara 1997 keessa Jaal Kumsaan Jabuutii irraa gara biyya Awustraaliyaatti godaanuuf dirqame. Akkuma Awustaraaliyaa seeneen jaarmaan ABO biyya sana keessatti akka gad-dhaabbatuuf qooda isaa gumaachuu itti fufe.
Bara 1998 irraa hanga 2004tti gaafatamaa ABO Awustraaliyaa fi kan Kibba-Paasiifik guutummmaa ta’ee hojjeteera. Bara 2004–2009 ammoo Damee Dantaa Alaa ABO jalatti gaafatamaa Kibba paasifiiki ta’ee tajaajileera.
Gama barnoota isaatiin ammoo Jaal Kumsaan akkuma biyya Awustraaliyaa seeneen gara Yunversiitiitti deebi’ee Bara 2001 keessa Yuunivarsiitii Teeknooloojii kuurtiin (Curtain University of Technology) irraa Saayinsii Siyaasaan Digirii jalqabaa fudhateera. Bara 2006 Yuunivarsiitii Awustiraaliyaa Dhihaa (University of Western Australia) jedhamu irraa Wal-qunnamtii Addunyaan Honor’s Digirii fudhateera, Bara 2011 University of Western Australia irraa mummmee barnoota Hariiroo Idil-addunyaa (International Relation)n Digirii Lammaffaa fudhateera.
Gama hojiitiin, Jaal Kumsaan bara 2001 irraa eegalee hanga lubbuun darbuutti dhaabbattoota Mootummaa fi miti-Mootummaatti miindeffamuun gaafatama sadarkaa adda addaa irratti ramadamee tajaajila kennee jira.
Jaal Kumsaan maatii horatee abbaa-manaa fi abbaa ijoollee lamaa ti. Jaal Kumsaan akka tasaatti of biraa dhabuun keenya gadda guddaa dha. Du’i hin eegamin akkasii hedduus nu rifachiise. Jaal Kumsaa Buraayyuu qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bifa hundaan gahee guddaa isa irraa eegamu bahataa har’a gahe.
Qabsoon Oromoo saffisaan bakka hundaa akka dhaqqabu hamilchiisuu, ijaarsa dhaabaa biyya keessatti hirmaannaa ol’aanaa taasiseen namoota hedduu qabsoof hiriirsaa ture. Yeroo jalqabaatiif Kutaa ABO Kibba Paasifik (South Pacific) kan biyya Awustiraaliyaa fi Niwuu Ziilaand hundeessuu, konyaalee biyyoota lameen keessaa godina garagaraa keessatti ijaaruu fi caasaa itti tolchuudhaan hundeessee waggoota dheeraaf gaggeessaa tahee hojjetaa ture. Waltajjiilee dhaabaa fi kan qabsoo Sabaa Oromoon wal qabatan irratti hirmaachuudhaan beekumsaa fi dandeettii qabu bifa garagaraan gumaachuu irraa yeroo itti of qusate hin qabu.
Ogummaadhaanis hojii mootummaa irra waggoota dheeraaf Kutaa Immigireeshinii (Immigration Department) jedhu keessa hojjechuu fi hiree argate hundaan namoota karaa hojii isaan wal bare hedduu eenyummaa saba isaa hubachiisaa fi hanga isaaf mijatetti qabsoo Oromoof fira horaa jaala turee dha. Akkasitti akka tasaatti of biraa dhabuun gadda guddaa dha. Maatii fi fira isaa, jaallan, hiriyootaa fi hawaasa kenya of gidduudhaa isa dhabaniif jajjabina hawwina.
Qabsaawaan ni kufa, qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 15, 2025
Finfinnee


