Amuruutti Shiftoonni Faannoo dubartii ulfa baatii 8 fi Ilmoo ishee ajjeesan.
(SQ – Hagayya 06,2022)
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu ganda Haroo Walloo keessatti Hagayya 4, 2022 halkan sa’aatti 2:30tti shiftoonni Faannoo kan caasaan mootummaa PP Ona sanii sooraa fi tumsaa jiru gocha suukanneessaa raawwatan.
Gocha kanaan, dubartii Yimaalee Andu’aalem jedhamtu ulfa ji’a 8 kan taatee fi daa’ima ishee waggaa 3 waliin bakka baqatanii bosona keessa jiranitti haala suukanneessaa taheen ajjeesaniiru.
Shiftoonni Faannoo Bilxiginnaadhaan deggaraman kun horii gaanfaa 100 olii fi hoolota 50 ummata irraa saamanii ooffatanii deemaniiru jechuun maddeen ifoomsaniiru.