Waraanni Bilxiginnaa shawaa kaabaatti Daa’ima waggaa 10 ajjeesuun, qonnaan bultoota 2 madeessun uummata nagaa qe’ee isaanirraa buqqisaa jiraachuu jiraataan Godinichaa tokko himan.

Waraanni Bilxiginnaa shawaa kaabaatti Daa’ima waggaa 10 ajjeesuun, qonnaan bultoota 2 madeessun uummata nagaa qe’ee isaanirraa buqqisaa jiraachuu jiraataan Godinichaa tokko himan.

(SQ-Hagayyaa 6,2022)

Godina Shawaa kaabaa Salaalee, Aanaalee fi gandoota garaa garaa keessatti uummanni nagaan qe’ee fi qabeenya isaarratti waraana Bilxiginnaatiin akka bineensaatti ariyamee ajjeefamaa jiraachuu, jiraataan Gondichaa Gadaa Media Network dubbise nuuf himan.

Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa Daa’ima waggaa 10 kan ta’e Mangistuu Shifarraa rasaasa itti roobsuun erga ajjeesan booda Allayyaa Mogor bakka jadhamutti gatuu jiraataan naannichaa nuuf himan.

Kana malees Waraanni Bilxiginnaa qonnaan bultoota Oromoo lama maqaan isaanii Darajjee Abarraa fi Girmaa Baqqalaa jedhaman ganda Darroo Wiliccoo fi Amumaa Guddinaa jedhaman keessatti badii tokko malee rasaasaan ariyanii rukutuudhaan konkolaataatti fe’anii gara aanaa kuyyuutti fe’anii deeman jechuun, du’uu fi jiraachuu isaanii waanta beeknu hin qabnu jedhu.

Qonnaan bultoonni akka bineensaatti rasaasaan dhawaman kunneen badii qabaatanii osoo hin taane maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu jedhu itti maxxansuuni kan jedhan jiraataan kun, wayita ammaas uummanni waraana mootummaa pp baqatee bosonatti galee jira jedhan.

Jiraataan haala qabatamaa uummanni Godina Shawaa kaabaa Gandoota Darroo Wilincoo fi Amumaa Guddinaa fi kkf keessa jiran nuuf himan akka jedhanitti uummanni Waraana mootummaa pp baqatee bosonatti galee jiraachuu fi Dubartoonni ulfaallee bosona keessatti rakkachaa jiraachuu kaasuudhaan, kan bosona keessatti da’aa jiranis jiru jedhu .

waraanni Bilxiginnaa baabura midhaan daaku waan cufaniif Akaayii boqqolloo nyaannee lubbuu keenya of keessatti eegaa jirra jechuun haala gaddisiisa naannoo isaaniitti waraana pp,tiin raawwatamaa jirus himu.

Kana malees Waraanni faashistii Bilxiginnaa uummata gandoota kanaa saalaa fi umuriidhaan osoo adda hin qoodiin Waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu jechuun ariyee erga bosonatti galcheen booda, gootaraa ykn mankuusa midhaan qonnaan bultootaa cabsuudhaan saamee konkolaataatti fe’achaa jiraachuu himan.

Akka jiraataan kun jedhanitti midhaan keenya Waraana Bilxiginnaatiin saamamee waan nyaannullee hin qabnu jechuun, waqxii gannaa kanas qonnarraa dhorkamnee jirra , sanyii lafa qonnee facaaasnu ni saamamne, xa’oos nu dhorkatan. Haala kanaan waan kaleessa hin barre harka namaa eeggachuuf dirqamna jechuun dubbatu.

Ittuma fufuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa kan safuu fi ooda uummataa hin beekne kun godinuma Shawaa kaabaa ganda Daawuchaa Elemtuu jedhamu keessatti ammoo qotiyyoo qonnarra jiran Harqoota ykn Qanbarii irraa hiikuudhaan Qonnaan bulaa ariyanii qalatanii nyaatan jechuun jiraataan kun gocha hammeenyaa Waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru nuuf himan.

Yeroo ammaan kanas haalli uummanni keessa jiru ulfaataa ta’uu kan nuuf himan maddi keenya, Buufanni yaalaa Darroo Wilincoo mana hidhaa ta’uun uummanni badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhamuun waraana Bilxiginnaatiin dararamaa jiran Buufaticha erga guutaniin booda kanneen hafan ammoo gara aanaa kuyyuutti fe’amaa jiraachuu dubbatu.

Dhumarrattis qabeenya keenya hunda saamamnee, qonnaa akka hin qotanne dhorkamnee, loon keenya hunda Waraanaa Bilxiginnaatiin dhabnee rakkoo hamaa keessa jirra kan jedhan jiraatan kun nama itti rakkoo keenya himannu waan hin qabneef Sabni Oromoo biyya alaafi keessa jiru nu gargaaruufi sagalee nuuf ta’aa jechuun dhaamsa Oromummaa dabarfatanii jiru.

Golee Oromiyaa hunda keessatti Waraanni Faashistii Bilxiginnaa uummata nagaa dararuu kan durii caalaa jabeesse akkuma itti fufeetti jira.

Maddi GMN!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *