(SQ-Ebla 14,2022)
Boordichi har’aa Ebla 14,2022 paartilee siyaasaa waliin dhimmoota lamarratti mari’achaa kan oole yoo ta’u dhimmaa jalqabaa keessaa akka duraatti kan eerame Miseensonni ABO fi KFO manneen hidhaa garaagaraa keessatti hidhamanii sarbamiinsi mirga namoomaa irra gahe ilaalchisuun ol iyyannoo dhaabbileen kun iyyatan irratti mariyatamaa tureera.
Akka fakkeenyatti ol iyyannoo ABO hooggantootaafi miseensota isaa 400 ol ta’an bakkeewwan garaagaraa keessatti hidhamanii jiraachuu ol iyyannoon dhiyeefaate keessaa kan namoota 82 qofa boordichi garee qorannoo hundeesseen furmaata itti kennuu ibseera.
Kana jechuun ol iyyannoo ABO’n garee qorannoo waloo boordii filannoof dhiyeesse keessaa dhibbantaa 21 qofa furmaata akka argate gaafatamaan siyaasaa ABO jaal Jabeessaa Gabbisaa ibsaniiru.
Kana malees paartiin KFO hooggantoonniifi miseensonni dhaabichaa bakkeewwan garagaraatti hidhamanii jiran 47 ol iyyannoo boordichaaf dhiyeesse keessaa 13 qofa furmaata argachuusaa itti aanaan waliqabaa boordii filannoo biyyaalessaa Wubisheet Ayyalee ibsan.
Bu’aa qorannoo ol iyyannoo dhaabbilee siyaasaa kanarratti hirmaattotarraa yaada dhiyaate keessaa qorannoon amma adeemsifame kun, bu’aan isaa xiqqaa ta’uufi akkasumas gochaawwan dhala namaarratti raawwatamuu hin malleefi diimokiraasii biyya kana keessatti akka seeraan hin dagaagneef mootummaan dhiibbaa uumaa jiraachuusaa bu’aa qorannoo kanaraa hubachuun ni danda’ama jedhan Jaal Jabeessaan
Mootummaan itti yaadee daandii qabsoo karaa nagaa cufe kan jedhan Jaal Jabeessaan Yeroo koreen hunda’eetti Bilxginnaan ABO fi KFOn akka paartiitti hin lakkaayaman jechuun yeroo hedduu koree sanatti danqaa ta’aa turaanis jedhan
Mana hidhaa bakkoota garaagaraa keessatti miseensotni ABO ajjeefamuu boordichi quba qabaachuus yaadachiisanirru jaal Jabeessaan.
Bakka bu’aa KFO ta’uun saganticharratti kan argaman obbo Olbaanaa Leellisaa ammoo yaada kaasaniin, dhaabbileen siyaasaa biyya kana keessa socho’aa turan bara duriitii kaasee uummata oromoofi oromiyaarratti duula bal’aa geggeessuun Oromiyaa Itoophiyaa keessaa baasuuf sochii bal’aa geggeessaa akka jiran bu’aa qorannoo kanaarraa arganneerra jechuun walgahii sanarratti suuraawwan gootota Oromoo qabsoo oromoo adda durummaan finiinsaa turaniifi akkasumas ajjeechaa sirnoonni kun raawwataa turan hirmaattota sagantichaaf agarsiisaniiru.
Bilxginnaan Miseensoota KFO haala sadiin hidhe jira kan jedhan Obbo Olbaanaan tokko warreen sodachisoo tahan bakkoota dhoksaatti hidhan lama dallaalotaa maafiyaa pptu sababa itti funaanee hidhe sadii ajajaa kaabinee dhuunfaan hidhamanii dararaama jiru jedhan.
Boordichi ABO fi KFO’n iyyannoo dhiyeessan irratti bakkeewwan garaagaraatti imaluun hojiin qorannoo hojjetamuufi hojiimaanni seera qabeessi hojiirra akka oolu murtoon dabarfamus koreen qorannoo waloo sun Dhihaa Oromiyaa ,Giddu Galeessaa fi Kibbaa Oromiyaa keessa deemee haala qabiinsa hidhamtoota siyaasaa daawwachuu akka hin dandeenye ibseera.
Dhuma irrattis Namoota murni Bilxginnaa hidhee, mana hidhaa keessatti ajjeeseefi dhabamsiiseef eenyu itti gaafatama jechuun hirmaattoota irraa gaaffiin dhiyaatuus qaamni deebii kenne hin turee jedhu maddeen keenya.
Boordichi Iyyannoowwan paartilee siyaasaa garaagaraan ka’aniif furmaata kennisiisuuf gareewwan qulqulleessituu 7 gurmeessuun hojjechaa akka ture kan himame yoo ta’u yeroo barbaachisaa ta’etti koreewwan walfakkaatan gurmeessuun hojii qorannoo hojjechuun kan danda’amu ta’uun ibsameera.