Gujii Lixaatti waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota nagaa 4 rasaasaan ajjeesee.

Gujii Lixaatti waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota nagaa 4 rasaasaan ajjeesee.

(SQ-Fulbaana 28,2022)

Fulbaana 25/2022 Godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gaalessa Nageessoo jedhamu keessatti dargaggoota 4 badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeesuu maddeen SQ nuuf himan.

Dargaggoota badii tokko malee waraana Bilxiginnaatiin ajjeefaman keessaa kan ammaaf maqaa isaanii arganne Daa’ima Ganna 15 kan ta’e Qom’oora Teen’aa Jiloo fi Dargaggoo ganna 22 kan ta’e Kateeloo Duubeee Shukee kanneen jedhaman yoo ta’u dargaggoota 2 ammaaf maqaan isaanii adda hin ba’in jiraachuu odeeffanneerra.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabanidha kan jedhan maddeen, mootummaan Bilxiginnaa badii tokko malee duula duguuggaa sanyii nurratti geggeessaa jiras jechuun dubbatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *