Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Jaardagaa Jaarteetti haleellaa Shororkeessitoonni Faannoo fi Finxaaleyyiin Amaaraa tibbana raawwataniin Ummanni qe’ee isaarraa buqqaafame birmannaa dhabuun rakkoolee garaagaraaf saaxilamaa jiraachuun himame.
(SQ-Fulbaana 28,2022)
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Jaardegaa Jaarteetti Haleellaa Shororkeessitoonni Faannoo fi finxaaleyyiin AmaaraaAmaaraab tibbana raawwataniin uummanni qe’ee isaa irraa buqqifamee birmannaa dhabuun rakkoolee garaagaraaf saaxilamaa jiraachuun himame.
Haleellaa daguutti nurratti baname kanaan waan barootaaf horanne mara dhabnee harka qullaatti hafneerra kan jedhan miidhamtoonni kunniin, birmannaan hatattamaa kan isaan barbaachisu tahuu ibsan.
Aanaa Jaardagaa Jaarteen alattis Amuruu, Horroo Bulluq, Kiiramuu fi Guutoo Giddaa dabalatee, Aanaalee haleellaan kun qaqqabe hedduutti lammiileen kuma dhibbootaan lakkaa’aman qe’ee ofiirraa buqqaafamanii haala ulfaataa keessatti argamu.
Ummanni buqqa’e kun tumsa hawaasni naannoo lubbuu baraaruuf taasisu irraan kan hafe, gargaarsi ummata kana balaa isa mudaterraa dandamachiisuuf taasifamu kan hin jirre ta’uutu himama.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti haleellaa Shororkeessitoonni Faannoo fi Finxaaleyyii Amaaraa raawwataniin lubbuun namoota dhibbaan lakkaa’amanii darbuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haleellaa kanaan isaan haala suukanneessaan lubbuu isaanii dhabaniin cinatti magaalaa Jaardagaa dabalatee, gandoota aanichaa garaagaraa irraa kumaatamni qabeenya barootaaf horatan dhabanii, qe’ee isaaniirraa buqqaafamanii dirreerra faca’aniiru.
Isaan lubbuu ofii baraarfachuuf jecha waan qaban gatanii baqatan kun gariin Yuniversitii Wallaggaa damee Shaambuu buufatanii kan jiran wayita ta’u, kan bakkeewwan birootti baqatanii fi isaan achi buuteen isaanii ammallee hin baramin jiraachuus Odeeffannoon hawaasarraa arganne nimul’isa.
Obbo Goobanaa Galataa isaan haleellaa kana hordofee magaalaa Jaardagaarraa buqqa’an keessaati.
Haaleellaa daguutti nurratti banameen qullaatti hafnee, harka namaa ilaaluuf dirqamne jedhu.
Halleellaan kun hidhattoota mootummaan hidhachiiseen nurratti raawwatame, Milishoota Amaaraatu nu fixe kan jedhan miidhattoonni, balaa numudate kana keessatti lammiin Oromoo marti akka nu cina dhaabbatu gaafanna jedhu.
Yuniversitii Wallaggaa damee Shaambuu keessa buufatanii jiraachuu bilbilaan kan nuuf himan namni kan biraan, Qe’een keenya ammas humnoota Amaaraatiin weeraramee jira jedhu.
Gandoota Aanichaa hedduurraa Ummanni buqqa’ee jiraachuu ibsuun, baayyina buqqaafamtootaa adda baasuun hin danda’amne, haalli jiru ammas tasgabbiin irraa hin mul’atu jedhan.
Aanaa Jaardagaa Jaarteen alattis Aanaalee Amuruu, Horroo Bulluq, Kiiramuu fi Guutoo Giddaa dabalatee, iddoowwan haleellaan kun qaqqabe biroorraa ummanni kuma dhibbootaan lakkaa’amu buqqaafamee dirreerra faca’eera.
Ummanni kun bakka yeroof buufatee jiruttis tumsa hawaasni naannoo rakkoodhuma keessa tahee lubbuu baraaruuf waliif taasisurra darbee birmannaa balaa kana dandamachuuf isa dandeessisu dhabuun rakkoo jabaarra buhee jiraachuu odeeffannoon hawaasarraa arganne nimul’isa jechuun OMN,tu gabaase.