Mariin nagaa Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti taa’amaa jiru hanga Roobiitti dheereffame

Mariin nagaa Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti taa’amaa jiru hanga Roobiitti dheereffame

(SQ-Onkoloolessa 31,2022)

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduutti torban darbe Afrikaa Kibbaatti eegale hanga Roobii dheereffamuu BBC’n maddeen irraa odeeffate.

Mariin torban darbe gaafa Kibxataa jalqabe Dilbata kaleessaa ni xumurama jedhamee ibsamee ture.

Mariin kuni waraana waggaa lamaaf tureefi lubbuu lammiilee kumaan lakkaa’aman galaafate akkasumas kaan hedduu balaarra buuse xumura itti tolchuuf kaayyeffate.

Qaamoleen waraana keessa jiran lamaan yeroo mariif taa’an kuni yeroo jalqabaafi. Bakka buutonni olaanoo qaamolee lamaanis hirmaataa jiru.

Mariin kuni galma cufaatti Magaalaa Piritoriyaa Waajjira Hariiroo Alaafi Wal-ta’insa Afrikaa Kibbaatti [Ministeera Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa] adeemsifamaa jira.

Sadarkaa mariin itti jiru garuu Gamtaan Afrikaas ta’e qaamoleen mariirra jiran waan jedhan hin qabani.

Mariin kuni Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamu yoo ta’u Yunaayitid Isteet, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi IGAD taajjabdootadha. Haa ta’u malee, lolli Tigraayitti ammallee hin dhaabatiin akka jiru gabaasaaleen ni mul’isu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *