#Oduu_Gaddaa
Faannoon Godina H/G/Wallaggaa Aanaa Amuruu ganda Makkannootti namoota nagaa ajjeesan.
Humni Fixaaleyyii Amaaraa Faannoon hogganamu guyyaa kaleessa waxabajji 1/2023 galgala Godina Horroo Guruu Aanaa Amuruu ganda Makkannootti namoota nagaa ย ajjeesuun hedduu madeessan.
Akka maddeen naannicha ajedhamu humni badii amaaraa kunneen gammoojjii naannichaa dahoo godhachuun yeroo irra agara yerootti ummata nagaa ajjeesuu fi qabeenyaa ummataa saamee fudhachaa jira jedhu.
Qaamni mootummaa nageenya biyya tiksa jedhamus namoota yakka ummata irratti hojjetanii fi qabeenyaa ummataa saamanii fudhatan osooma arguu callisiin qarshii irraa fudhatee isaan dabarsaa akka jirus jiraattotni nananichaa ni himatu.
Namoota ajjeefaman maqaan isaanii:
- Obbo Guddinaa Gurraachoo.
2.Obbo Soorii Jukkaar haadha manaa isaa wajjin kan ajjeefamanii fi
3.Obbo Taakkalaa Fufaa haadha manaa isaa wajjin kan ajjeefamnidha.
Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa yeroo ammaa kanas bakkoota adda addaa naannoowwan daangaa irratti ajjeechaa fi saamicha guyyaa irraa gara guyyatati raawwacha ajiraachuun beekameera.