Naannoo Oromiyaa Godinalee Baalee, Arsii, Gujii fi Naannoo Somaalee keessa immoo Liibanitti namoonni 1,055 koleeraan qabamanii isaan keessaa 28 lubbuu dhabun dhaga’ame.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaan deeggarsa namoomaa qindeessu-OCHAN Naannoo Oromiyaa Godinaalee Baalee, Gujii fi Arsii akkasumas naannoo Somaalee Aanaa Liiban keessatti dhibeen koleeraa walumaagalatti namoota 1,055 irratti argamuu fi 28 kan ta’an sababa kanaan du’uu gabaasera.
Dhaabbanni kun akka gabaasetti, hanga Amajjii 30, 2023tti gandoota 66 aanaalee Godina baalee, Gujii fi Arsii Lixaa 8 jala jiran fi Aanaalee Naannoo Somaalee Godina Liiban 2 keessatti dhibeen kun mul’ateera.
Aanaalee 10 dhibeen kun keessatti mul’ate keessatti namoonni kitila tokkotti siqan yaaddoo keessa jiraachuuus gabaase.Kanneen dhibee kanaan qabaman keessaa 1991 kan ta’an namoota qe’eesaaniirraa buqqa’anii harka namaa eeggachaa jiraniidha. Kanneen dhibee kanaan du’an ammoo ijoollee umriinsaanii hanga waggaa 14tti jiruudha. Irra caalaan daa’imman umriinsaanii waggaa shanii gadiiti.
Akka gabaasa dhaabbata Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaan deeggarsa namoomaa qindeessuOCHA kanaatti baayyinni namoota dhibee kanaan qabamanii erga Amajjii bara 2023 as dhibbeentaa 30n dabaleera.Tatamsa’inni dhibee kanaa jalqaba Baaleetti eegalee isa booda gara Arsii Lixaa, Gujii fi Liibanitti babal’ateera
Baalee keessatti jalqaba- Hagayya 27, 2022 dhibeen koleeraa kan argame Aanaa Harannaa Bulluq keessatti.Guyyicha gabaasi dhihaate akka mul’isutti Godina kana keessa aanaalee jiran 13 keessaa ja’a keessatti koleeraan tatamsa’ee jira.Muddee 2022 gara dhumaa keessa ammoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansaboo keessatti mul’atera.Amajjii 13, 2023 duulli talaallii Dhibee Koleeraa afaaniin fudhatamu Naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti gaggeeffamuu dhabbanni oCHA gabaaseera.
Koleeraan baakteeriyaa vibiroo koleeraa jedhamuun kan dhufu yoo ta’u, yeroo baay’ee nyaata yookiin bishaan faalameen akka darbu himamera.Sababa hongeen rakkoo bishaanii fi kaaniif saaxilamanii kan jiran aanaaleen Godina Baalee, keessattuu aanaaleen gammoojjii hedduu yyoo ta’u,Kana malees hanqina qulqullina dhunfaa fi naannoo, mana fincaanitiin alatti qulqullaa’uu, akkasumas mana fincaaniitti haalaan fayyadamu dhabuu akka ta’e himama tureera.
Gama biraan Muddee 26, 2022 Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa akkaataa Karoora Koleeraa Dhabamsiisuu Biyyaalessaa hojiirra oolchuun danda’amurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin wal-ga’ii gaggeessee ture.
Walga’icha irratti dhaabileen miti-mootummaa fi dhaabbileen mootummaa kanneen akka Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa, Biirolee Fayyaa Naannolee Oromiyaa fi Somaalee, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Fandiin Gargaarsaa daa’immanii-UNICEF hirmaataniiru.
Dhibee Koleeraana Lubbuun namoota 28 Oromiyaa keessatti darbe.
