Danbi Doollootti Gaachanni saba Oromoo hidhamtoota siyaasaa lakkisiise.

Godina Qeellam wallagggaa magaalaa Danbi Doollootti ganama har’aa lola gaachanni sabaa humna weerartuu pp irratti baneen magaalaa tohachuun hidhamtoota siyaasaa dabalatee kanneen biroo hunda guutummaatti mana hidhaa irraa lakkisiisee jira.

 

Gaachanni saba Oromoo Guraandhala 1/2023 lola humnoota farra qabsoo Oromoo irratti baneen hidhamtoota lakkisiisuun meeshaalee diinni ittiin ummata Oromoo ajjeesus mooraa qabsoo Oromoof galii gochuu dandaheera.

Danbi Doolloo dabalatee lixa shaggar magaalaa Baakkoo fi Miidaaqanyii akkasumas wallagga bahaa magaalota akka Aannoo fi Sireetti gaachanni saba Oromoo lola baneen lukkeelee diinaa magaalaa keessatti dabauun meeshaalee hedduu mooraa qabsoo Oromoof galii godhee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *