Jaal Mikaa’el Booran ammas dhibee biraaf saaxilamee jira.
(SQ – Waxabajjii 03, 2023)
Guyyaa har’aa gara waldhaansaatti kan geeffame miseensi SHG-ABO Jaal Mikaa’el Booran dhibee dugdaa fi miilaa godhatuu ragaan qormaataa mirkaneessee jira. Doktoorri isaa fizotirappii (physiotherapy) ajajuunis hubatameera.
Haalli fayyaa J/Mikaa’el Booran guyyaa irraa guyyaatti hammaataa dhufuu tibba darbe kan gabaasne oggaa ta’u, ammas akkuma ragaa mana waldhaansaa irraa hubatamu kanatti dhibee dabalataaf saaxilamee jira.
Dhibee marrummaan darbaa (Appendex)n qabamee mana waldhaansaatti deddeebi’aa akka turee fi tibba darbe ammoo dhukkuba kalee fi garaachaa hamaaf saaxilamuun gabaasameera.
Hogganootnii fi qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman dhibee garagaraaf saaxilamuun haalli fayyaa isaanii hamaa irra bu’uun gabaasamaa jira.
Miseensi GS-ABO J/Kennasaa Ayyaanaa dhibeelee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhibee dugdaan qabamee gidiraa argaa kan jiru yoo ta’u, amma gargaarsa namaa malee ofiin sadarkaa socho’uu dadhabuu irra ga’ee jira.
Miseensi SHG-ABO J/Abdii Raggaasaa fi qondaalli dhaabaa J/Gadaa Gabbisaa dhibee tiruu hamaa ta’een qabamanii waldhaansa ga’aan alatti mana hidhaa keessatti ittiin hiraaraa kan jiran yoo ta’u, J/Dr.Gadaa Oljirraa ammoo miidhama lafee miilaa qabsoo keessatti godhatee ture, haala qorra mana hidhaa irraa dhibeen kun itti deebi’ee akkaan ittiin rakkataa jira.
Hogganootnii fi qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman:
1) J/Abdii Raggaasaa
2) J/Mikaa’el Booran
3) J/Kennasaa Ayyaanaa
4) J/Lammii Beenyaa
5) J/Daawit Abdataa
6) J/Dr.Gadaa Oljirraa fi
7) J/Gadaa Gabbisaa ti.
Badii tokkoon maleetti dharaa fi dabaan mana jireenyaa isaanii irraa qabamanii waggoota sadiif Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu dabalatee bakkoota adda addaatti hidhamuun kan hiraarsamaa jiran hogganootnii fi qondaalotni ABO kunniin, yakka irraa bilisaa fi gadi dhiisamuu akka qaban manneen murtii Oromiyaa fi kan Federaalaa ajajanis, mootummaan sirna Bilxiginnaa gadhiisuu diduun haqa isaanii awwaalee hidhaa keessatti itti taphataa jira.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itophiyaas yero yerootti dhimma hoggantootaa fi qondaalota ABO kanneenii irratti gabaasa dhiheessuun seeraan ala hidhamuu isaanii gabaasuun gadhiisamuu akka qaban gaafataa ture.
Ebla 20, 2023 gareen paartilee mormitootaa fi Boordii Filannoo irraa utubame dhimma hogganoootaa fi qondaalota ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argamanii qaamaan itti dhaqee haala isaanii baruuf wayta beellamatu guyyaan tokko hafuuf, Ebla 19, 2023 achii baasanii Dukamitti jijjiiruun torbanootaaf erga achi tursanii booda, tibba darbe kana gara Buraayyuutti deebisuun kan yaadatamuu dha.