Shaggar Bahaa Aanaa Liibanitti waraanni pp namoota 2 ajjeesuun 1 madeessan

#ODUU_GADDAA๐Ÿ˜ญ

Baha shaggaritti Waraanni mootummaa 2 rasaasaan ajjeese!

Caamsaa 25/2023

Baha shaggar Aanaa Liiban cuqqaalaatti murni waraana PPn onoota hundatti ummata nagaa isin Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu jechuun ajjeesaa, hidhaa,dararaa jiru.

Haaluma ย kanaan tibbana qotee bulaa ooyiruu keessaa , magaalaa keessaa dargaggootaa fi barattoota mana barnootaa irraa butuun humnaan gara adda waraanatti ergaa jiraachuu maddeen nuuf himan.

Waraanni PP Oromiyaa bakkoota hundatti ummata nagaa adamsanii ajjeesaa kan jiran yoo tahu Baha Shaggar keessatti ย gaafa guyyaa 24/2023 Aanaa Liiban iddoo addaa ganda jaarsaa jedhamuun beekamutti namoota nagaa 3 irratti isin WBO soortuu fi deeggartoota isaaniiti jechuun rasaasa itti roobsun Nama 2 battalatti yoo ajjeesan 1 ammaaf ย lubbuun hafe hospitaalatti yaalamaa Jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Namoota du’an 2n keessaa 1 manguddoo ganna 50 oli akka tahes nuuf ifooomsaniiru.

Maqaan namoota waraana ppn ajjeefaman kunneen :

1, Naannessaa Korbaa kan jedhamuufi

2, kiflee Nama jedhamu battalatti lubbuun warra darbedha.

Dargaggeessi 1 ammaaf maqaan isaa adda hin baanes rasaasa rukutame irraa lubbuun oolee hospitaalatti yaalamaa kan jiru yoo tahu innis duโ€™aa fi jireenya gidduutti kan argamudha jedhameera.

Baha shaggaritti yeroo ammaa kana Waraanni PP ammallee itti fufuun ummata hidhaatti guuraa kan jiruufi ummata lafa hojiitti ooyiruu isaanii keessatti itti dhukaasun shororkeessanii akka isaan hojii hin dalaganne taasisaa reebaa jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *