Waraanni Bilxiginnaa Gujiitti Abbaa ajjeesuun reeffa abbaa cinaatti intalaa isaa yoo gudeedan Qellem wallaggattis nama tokko ajjeessan.

Waraanni Bilxiginnaa Gujiitti Abbaa ajjeesuun reeffa abbaa cinaatti intalaa isaa yoo gudeedan Qellem wallaggattis nama tokko ajjeessan.

(SQ-Fulbaana 29,2022)

Waraanni faashistii Bilxiginnaa fulbaana 25/2022 Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii Ganda Alchawwaa Jiilloo jedhamutti Dargaggoo Qalbeessaa Bojaa badii tokko malee hidhuun qarshii 20,000 erga irraa fudhatee booda Fulbaana 26/2022 ammoo haala suukanneessaan mana hidha baasun ajjeesee gatuu maddeen SQtti himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Qalbeessaan nama siyaasa keessaa qoodaa hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u, Waraanni Bilxiginnaa erga ajjeesan booda reeffa isaa maatii dhorkachuun halkan tokko erga ala bulee booda, Jaarsoliin biyyaa kadhachuudhaan gaafa guyyaa 27/2022 reeffa isaa fuudhuun awwaalan jechuun miira gaddaan dubbatu.

Haaluma Wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Fulbaana 26/2022 Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamannee bakka Kuyyeeraa jedhamutti nama maqaan isaa Obbo Kamaal Goobanaa jedhamu ajjeesuun gatuu maddeen keenya nuuf himaniiru.

Reeffi Obbo kamaal Goobanaa guyyaa 1 erga karaarra bule booda fulbaana 27/2022 hawaasa naannoon kaafamuun awwaalamuu odeeffanneerra.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa fulbaana 27/2022 Godina Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eldalloo ganda Bulbulitti Intala Obbo salloo Jaarsoo gudeeduuf yoo qabatan intala kiyya maalif qabdu jechuun yoo Abbaan gaafatu maalif nu gaafatta jechuun rasaasa 4 itti roobsuun erga ajjeesan booda reeffa Abbaashee biratti intala gudeeduu maddeen SQ nuuf himan.

Waraana safuu fi ooda uummataa hin beekneen qe’ee keenya irratti salphanne kan jedhan maddeen, sababa waraana Bilxiginnaatiif baanee galuufiyyuu yaaddoo keessa jirra jechuun dubbatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *