Yaadannoo Waggaa 3ffaa Ajjeefamuu Artistii Jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa Ilaalchisee Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo – ABO
Waxabajjiin 29, 2023 guyyaan har’aa waggaa 3ffaa Artistiin jaallatamaa fi qabsaawaa sabaa Hacaaluu Hundeessaa dabaan itti ajjeefamee dha. Duuti Hacaaluu Oromoo hunda kan rifachiisee fi gaddisiisee dha. Sababaan isaa ammoo Artist Hacaaluu Hundeessaa nama sichi guddatataa jiru; bu’aa guddaa Oromoof buusuu fi hojii aartii isaatiin iddoo guddaatti nama eegamaa turetu karaatti hambifame.
Artist Hacaaluun wellisaa qofa osoo hin taane, qabsaawaa sabaa murataa, jabaataa, kan waan itti amane gochuu fi raawwatuu irraa if booda hin jenne, falmaa mirga dhala namaa, roorroo fi hacuuccaa ummata isaa irra gahu sodaa tokko malee nama dirreetti ba’ee cunqursitootaan mormee dha. Kanaaf Art.Hacaaluun wellisaa fi qabsaawaa sabaa jedhama.
Wayta waggaa 3ffaa ajjechaa Artistii jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa kabajannu kanatti ilmaan biyyaa haqa ummata isaanii gadi baasuu fi sagalee waan ta’aniifiif qofa sirnoota bittaa impaayera Itophiyaa garagaraan haala suukanneessaan ajjeefamanii fi achi buuteen isaanii dhabame hedduu isaanii waliin yaadatna. Seenaan isaanii akka hin banneefis ol kaasnee guyyaa kana mul’isna.
Wellistoota Oromoo sirnoota impayera Itophiyaan ajjeefamanii fi bakki buuteen isaanii dhabamsiisame keessaa kanneen akka: Abdullaahi Arsii, Ayyuub Abubakar, Abubakar Muusaa, Musxafaa Abdii (Harawwee), Ahmed Kebiraa, Ayyaantuu Booranaa, Himee Yusuuf, Kulanii Boruu, Sabboontuu Bareentuu, Boonsisoo Callaa, Hordofaa Bareentoo, Jireenyaa Ayyaanaa, Eebbisaa Adduunyaa, Xannaa Wayyeessaa, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Baahiluu Girmaa, Zennuu Mokonnon, Yoosef Gammachuu, Maaramee Harqaa-Kaasaa, Daadhii Galaan, Cawwaaqa Yaaddessaa fi kanneen maqaan hin dhahamin waan quuqqaa uummata isaanii irra jiru saaxilaniif qofa ajjeefamanii gariinis achi buuteen dhabamsiifaman guyyaa kana yaadatuun dirqii ta’a.
Artistii fi qabsaawaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa imaanaa artistoota haqa saba isaaniif jedhanii diinaan ajjeefamanii baatee, aartii sirbaatiin aadaa, afaan, eenyummaa, seenaa fi duudhaa Oromoo dagaagsuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Artistii qabsaawaa sabaa, Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gahee guddaa bahataa ture, kan ummatichi akka qaroo ija isaatti ilaalu bu’aa siyaasaa yeroof ajjeesuun ajjeechaa isaatiin sababeeffatanii hoogganoota, qondaalota, miseensotaa fi deeggartoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu fi garii ammoo ajjeesanii dhabamsiisuun godaannisa seenaa fi guyyaa kana ittiin yaadannu ta’uu ABOn ammas irra deebiin hubachiisa. Hoggantootnii fi qondaalotni ABO hanga har’aatti illee hidhuma kana keessatti gidirsamaa jiran.
Addi Bilisummaa Oromoo har’as haqni Hacaaluu akka barbaadamu gaafata. Ummatnis guyyaa isaa kabajuutti dabalee haqni isaa kun akka awwaalamee hin hafne, dhugaan isaa akka ifa ba’ee xumura argatuuf akka barbaaduu fi gaafatu hubachiisa.
Qabsaawaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 29, 2023
Finfinnee