Arsii Bahaa Aanalee adda addatti Waraanni Bilxiginnaa Abbaa Manaaf haadha manaa dabalatee namoota 9 ol hidhuun dhaga’ame.
(SQ-Ebla 4,2022)
Maqaa Oppiraashinii Farra Riphee Lolaa jedhuun kutaalee Oromiyaa hunda keessa raabsamanii kan jiran Waraanni Bilxiginnaa Eebila 1,2022 Godina Arsii Bahaa Aanota kanneen akka Digaluu Xijjoo, Heexossaa fi Doddotaa keessatti maqaa shanee deeggartu jedhuun namoota 9 ol hidhee dararaa jiraachuu maddeen SQ nuuf himan.
Namoota hidhaman keessaa kanneen ammaaf maqaa isaanii arganne,
Hajii Hasan Tibbeesso Aanaa Digaluu xijjoo irraa,
Mominaa Hulluufee Hadha mana Hasaan Tibbeesso
Amaanee Waadoo Daa’imma Lakkuu waliin kan hidhamte Aanaa Digaluu xijjoo irraa
zeeyinabaa Dasee Aanaa Digaluu xijjoo irraa
Saafiyaa ukee aanaa digaluu xijjoo irraa
Amaan sheek baamuud aanaa Heexossaa irraa
Hajii kaliil sa’idaa aanaa Heexosaa irraa
Dargagoo Habiib aanaa doddotaa irraa
Dargaggoo Saadam aanaa Doddotaa irraa isaan kun warreen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e yoo ta’an kanneen maqaan isaanii ammaaf hin baramin hedduun jiraachuus SQ odeeffateera.
Waraanni mootummaa Bilxiginnaa erga Oppiraashinii Farra riphee lolaa jechuun labsee Oromiyaa guutuu keessatti hidhafi dararaan kan durii caalaa jabaatee itti fufee jira.