Lubbuun Harka Rabbii Jirti.

                                                               Lubbuun Harka Rabbii Jirti.

Caamsaan 4, 2022 guyyaa hamtuu turte. Gara-jabeenya hamaa dhalli namaa ni raawwata hin jedhamnetu Salaalee Warra Jaarsoo, Qarree laga Alaantee iddoo addaa Dhagaa Shugguxiitti raawwate. Namoota 18 tarree galchuun Hallayyaa irra dhaaban. Maqaa Shanee deeggartuu fi nyaachiftu jedhuun nama nagaa jumlaan rashaanan. Iccitiin Sabboontota waan ta’aniif Oromummaa isaaniif qofaaf aarsaa deebii hin qabne kaffalan.Garu har’a raajii tokko dhageenye. Namoota 18 Caamsaa 4, 2022 rashaanaman keessa namni Suuraa irratti mul’atu lubbuun hafuu dhageenye. Namni kun akkuma hallayyaa irraa dhaabaniin dhukaasa rasaasaa dursuun cancala harka irraa waliin ofiin qileetti of-darbuun gangalatee lubbuu oolutu dubbatama. Lubbuun harka rabbiiti jechuunis dhugaa dha. Uumaan baga lubbuu oolche. Tarii namni kun daba Mootummaan Uummata sana irratti raawwate,maal akka jedhaman,namoota akkamiin akka ajjeechaaf kaadhimaman akka irraa Oromoon hundi baruuf Waaqayyoo hambisuu danda’a. Dhugaa bullee dhageenya.Baga Waaqayyoo si oolche. 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *