Shawaa Lixaatti waraanni Bilxiginnaa Barsiisaa tokko ajjeesuun dhaga’ame.

Shawaa Lixaatti waraanni Bilxiginnaa Barsiisaa tokko ajjeesuun dhaga’ame.

(SQ-Fulbaana 15,2022)

kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti waraanni Bilxiginnaa badii tokko malee ilmaan Oromoo ajjeesaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.

Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu ganda Tulluu Bultumaatti dhalachuudhaan Achumatti hojii Barsiisummaatiin uummata isaa tajaajilaa kan ture Barsiisaa Ajjamaa Gadaa kan jedhamu boqonnaadhaaf magaalaa Buraayyuu turee osoo inni Gara hojiitti deebi’aa jiru Magaalaa Ginciitti qabuudhaan fulbaana 14/2022 ajjeesanii Gatuu maddeen SQ nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Barsiisaan Ajjamaa nama siyaasa keessaa qooda hin qabneefi hawaasa keessatti kabajaa guddaa qabu yoo ta’u, badii qabaatee osoo hin taane sababa Oromummaa isaa qofaaf yakki suukanneessaan Waraana pp,tiin irratti raawwatame jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *