Hiriirri Guddaan sinodosii Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaan Finfinneetti waamame.

Sinoodoosii haaraan gaafa Guraandhala 5,2015’tti hiriira deeggarsaa waamuu beeksise.

(Gurraandhala 6,2023)

Imalli Sinoodoosii haaraa hanga yoonaa milkiidhaan akka raawwatamaa ture dubbii himaan Sinoodosichaa barsiisaa Haylamikaa’el Taaddasaa himaniiru.

Sochiin hanga yoonaa goone gaaffiin asiin dura kaasaa turre bu’uura uummataa qabaachuu kan agarsiise jedhan Barsiisichi turtii OMN waliin taasisaniin.

Imala keenyaan kan dallane gareen mana kiristaanaa dawoo siyaasaa fi faayidaa godhatee waggootaaf ture ookkara kaasuun sochii keenya danquuf yaaliin godhes fashalee jiraa jedhan Barsiisaa Haylamikaa’el.

Sinoodoosiin haaraan mana kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa erga hundaayee Phaaphaasotni fi Hephisqophoosotni kutaalee lallabaa garaagaraatti ramade baay’een kutaalee lallabaa isaanii dhaqqabanii hawaasaan simannaan godhameefiii jira.

Kutaalee Lallabaa Wallaggaa 4’n, Arsii lamaan, Harargee lixaa, Booranni fi Gujiin kutaalee lallabaa Simannaan itti godhame dha.

Imalli hanga yoonaa Sinoodosii haaraa milkaawaadha jedhan dubbii himaan Sinoodosichaa barsiisaa Haylamikaa’el Taaddasaa.

Bakkeewwan muraasatti gareen waggootaaf mana kiristaanaa dawoo siyaasaa fi faayidaa godhatee ture ookkara kaasuun sochii keenya danquuf yaaliin godhes humnoota nageenyaa fi hawaasaan fashalee jiraa kan jedhan Barsiisaa Haylamikaa’el rakkoon kun rakkoo bu’uuraa 4 irraa madda jedhu.

Mana kiristaanaa dawoo siyaasaa, diinagdeetti oolchuu fi ammallee manni kiristaanaa caasaa sirna fiwudaalaa kaleessaa harkatti kufuu dha jedhu.

Qormaatawwan hanga ammaa nu mudatan rakkoon jabaan mana kiristaanaa keessa jiraachuu, humni finxaalessi mana kiristaanaa maandheffate humna hanga biyya guutuu gooluu isaan dandeessisu ijaarrachuu isaa agarsiisa. Nus kan durii caalaa dursinee gurmoofnee itti deemuu qabna. Mootummaanis rakkoo nageenyaa furuuf karaa haxaawuu qaba jedha barsiisaan kun.

Gareen mana kiristaanaa dawoo siyaasaaf diinagdeef oolchaa ture sochii keenyaan dallanee ookkaraa fi waraanaf waamicha gochuun duudhaa afuuraaa miti jedha barsiisaa Haylamikaa’el.

Sinoodoosii haaraan gaafa Guraandhala 5’tti hiriira deeggarsaa waamuu isaas himanii jiru Barsiisaan Haylamikaa’el. Uummanni biyya keessaa fi alaa karaa faayinaansii, hiriiraa fi hamilee nu waliin dhaabbachuu qaba jechuun waamicha dhiyeessanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *