W/Bahaa aanaa Waamaa Agaloo keessatti waraana RIBf manneen barnootaa keessatti gargaarsa buusii dirqisiisaa jiru.

Godina  Wallaggaa bahaa aanaa Waamaa Agaloo keessatti qindeessotni manneen barnootaa maallaqa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun maallaqa saamaa jiru.

 

Gurraandhala 7, 2023 Barattoota mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa barattootaan maallaqa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun  dirqisiisanii harkaa guuruun impaayerattii keessatti baratamaa ta’eera.

 

Akka seeraatti  barnootni fi siyaasni kan wal  hin ilaallanne ta’us, impaayera Itoophiyaa keessatti hoggantootni manneen barnootaa qajeelfama qaama bulchu irraa fudhataniin manneen barnootaa fi dhaabbilee barnoota olaanoon osoo hin hafin dirree siyaasaa taasifachuun dhiibbaa godhu.

 

Haaluma Kanaan torban darbe keessaa mana barnootaa sadarkaa lamaffaa baha Wallaggaa ona Waamaa Agaloo magaalaa Moxee keessatti qindeessaan mana barnootichaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun qarshii 100 tokkoon tokkoo barattootaa kafalchiise.

Namootni Maallaqa jedhame kana hin kaffallee qormaata biyyooleessaa hin fudhatu jechuun barattoota sodaachisaa waan turaniif waan qaban gurguranii kan kafalan keessa jiru.

 

Dinagdee  isaan harkatti kufe deebisanii dhaabuuf kan dhama’an bilxiginnaan  barattoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa maallaqa deggersa raayyaa jechuun yoo irraa guuran dhaabbilee barnootaa ammoo agabsuun maallaqa nyaata isaaniif ramadamu waraanaaf oolchaa jiraachuun ni beekama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *