TPLF ji’a sadiif sochii siyaasaa irraa dhorkamte.

➡ “Yeroo addabbii  ji’oota sadii keessatti tarkaanfiin sirreeffamaa yoo hin fudhatamne galmeen dhaabichaa akka haqamu murtaa’eera”. Boordii Filannoo Biyyoolessaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) sochii siyaasaa irraa dhorkuu beeksise.

Dhaabichi galmee addaa erga galmaa’ee ji’a 6 keessatti yaa’ii waliigalaa taajjabdoonni boordii irratti hirmaatan gaggeessuun dirqama ta’eera.

Boordiin, Mudde 17, 2017. Xalayaa isaanii keessattis, yeroon yaa’ii waliigalaa gaggeessuuf hafe ji’a lama hin guunne ta’uu ibsuun, dirqama seeraa akka ba’u yaadachiisaniiru.

Itti dabaluunis dirqamni seeraa kun yeroo isaa eeggatee yoo hin raawwatamne boordii akka barbaachisummaa isaatti seera bu’uura godhachuun murtee ni kenna jedhan.

Haa ta’u malee, dhaabichi yaa’ii waliigalaa osoo hin gaggeessiin, dambii ittiin bulmaata isaa osoo hin raggaasiin, hoggantoota isaa akkaataa labsii, qajeelfama, fi murtii boordiitiin osoo hin filatin yeroon baatii 6 kennameef xumuree jira jedheera.

Haaluma kanaan Boordiin Guraandhala 4, 2017 Walgahii gaggeesseen dhimmicha qorateera :

1ffaa. Paartichi tumaalee labsii fi qajeelfama kana akka hamaa cabsuu waan raawwateef, guyyaa murtiin kun bahe irraa eegalee ji’oota sadiif sochii siyaasaa kamirrattiyyuu akka hin hirmaanne dhorkamee jira.

2ffaa. Paartichi sarbama seeraa hojii irraa ari’amuuf sababa ta’e sirreessee jira; Bu’uura Labsichaan, qajeelfama Labsii kana hordofee bahee, murtee fi ajaja Boordichaatiin addaan cituun akka kaafamu, akkasumas hojii qophii Yaa’ii Waliigalaa paartiin raawwachuu qabu dhaabichi akka raawwatu, kanas Boordichi barreeffamaan akka mirkaneessu murteessee jira.

3ffaa. Yeroo addabbii ji’oota sadii keessatti dhaabichi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu yoo dadhabe, tarkaanfii dabalataa tokko malee galmeen dhaabichaa akka haqamu murtaa’eera. Jedha Ibsi Boordii Filannoo Biyyooleessaa irraa bahe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *