‘Tajaajila Mana Gandaa ‘ hojjechuu fi Buusaa Gonofaaf jedhuun hayyama keenya malee mindaa waggaa keenyaa %100 nurraa hir’ifamaa jira Jedhan Hojjettootni Buufata Fayyaa zuwaay Dugdaa

๐Ÿ”Š #Sagalee Hojjetootaa

“Eeyyama keenya malee mindaa waggaa keenya keessaa %100 hir’ifamaa jirra.”” – Hojjetoota

Godinaย  Arsii Lixaa Aanaa Zuwaay Dugdaa ogeessonnii fi hojjettoonni fayyaa โ€œHoggantoonni akka fedhanitti mindaa keenya muraniiโ€ jedhu. maalif? “Jedhanii Gaafachuun hin danda’amusโ€ jedhan

“Maqaa ‘Tajaajila Mana Gandaa ‘ hojjechuu fi Buusaa Gonofaaf jedhuun hayyama keenya malee mindaa waggaa keenyaa %100 nurraa hir’ifamaa jira” jechuun iyyattoonni “Eessatti deemaa jirra ? Maaltu tahaa jira ?” jedhanii gaafatan.

Hayyama isaanii malee mindaan isaanii irraa hirโ€™ifamaa akka jiru, โ€œdutyโ€isaanii yeroon kaffalamaa akka hin jirre, daballiin mindaa haaraan akka isaaniif hin kaffalamiin ibsaniiru.

“Eeyyama keenyallee osoo hin gaafatin nurtaa kutuu qofa” argina kan jedhan hojjettootni kun , qaalaโ€™insiย  jireenyaa ol’aanaa tahuu irraa kan kaโ€™eย  maatii isaanii jiraachisuu waan hin dandeenyeef furmaata akka kennaniif gaafatanii deebii dhaban himatu.

Hojjeettootni Fayyaa komii isaanii wayita dhiyyeeffatanis qaama isaan dhagahu dhabuu himatu.

Waggaa waggaan iskeelii mindaa irraa %100 hirโ€™ifama. Kunis ji’atti 500 hanga 800 ta’uu danda’a. Iskeeliin guddina irratti hundaaโ€™uun garaagarummaa qaba. Mindaan keenya ji’a kana murame.ย 

Kaffaltiin duty yeroo ammaa harkifateera. Ammas kaffaltii dutyย  ji’oota sadan darbanii nuuf hin kaffalamiin jiru illeeย  eegaa jirra; Faayinaansii kaffalaa hin jiru. Rifoormiin Faayinaansii ga’eera jedhan.

Ji’a lamaaf daballiin mindaa keenya haaraan nuuf hin kaffalamiin.ย Mindaa keenya hin beeknu, kan hin murre hin jiru. Hayyama malee qofa muraa jiru. Nu hin gaafatan. Akka fedhanitti raawwatu. Hojjetaa illee hin gaafatan

Maallaqni keenya harka guddaan kaayyoo ‘Hunda’ina Mana Gandaa hojjechuu ‘ jedhamuuf muramaa jira. Kana dura fedhii keenya malee nurtaa kutu turan. Bakka fedhetti gaafatannud deebiin hin jiru jedhan hojjettootni kunneen.

“Kun aanaa keenya qofa keessatti ta’aa jira, aanaa biraa mindaan itti muramaa jiru hin dhageenye” โ€‹โ€‹jechuunis himatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *