Itoophiyaa keessatti gama kamiinuu dirree waraanaa irratti injifannoon ariifataa hin jiru

Ameerikaan Itoophiyaa bakka lolli deemaa jiru hundatti dhukaasni akka dhabbatu gaafatte.

Amerikaan karaa Ambaasaddara ishee Itiyoophiyaa jiru Maasingaa Ergaa mootummaa Itoophiyaaf dhaamaniin humna waraanaan rakkoo siyaasaa furuu akka hin danda’amne hubachiisan.

Mootummaan Qaamolee isa morman hidhuufi dararuu akka dhaabuun hidhamtoota Siyaasaa akka hiikus waamicha godhan.

”Humna waraanaa fayyadamuun rakkoo siyaasaa walitti bu’iinsa dhale hin hiiku. Kanneen mootummaa qeeqan hidhuufi dararuun rakkoo biyyattii keessa deemaa jiruuf furmaata hin ta’u.”

Ambaasaaddar Masiingaan Yeroo kamuu caala amma Itoophiyaaf yeroo sirrii marii siyaasaa gochuun itti jiru ta’uu dubbatan.

Marii kanarratti ammoo ”kan morkattoonni siyaasaaa murteessoo ta’aniifi manneen hidhaa keessa jiran bahanii kan irratt hirmaatan ta’uu qaba” jedhan.

Itoophiyaa keessatti gama kamiinuu dirree waraanaa irratti injifannoon ariifataa hin jiru. Tokko galmaan gaha jedhanii abdachuun waldhabdee harkisuun bu’aa dhugaa tokko malee ummata Itoophiyaa irratti miidhaa fi gidiraa dabalataa fida. Kanaafi yeroon marii amma ta’e.” – Ambaasaaddar Erviin Maasingaa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *