Muummichi Ministeeraa Slovakiyaa Rasaasaan rukutaman

Muummichi ministeeraa Slovakia haalaan miidhamaniiru.

Ministirri Muummee Islovaakiyaa Roobart Fiikoo rasaasaan rukutamee hospitaala keessatti yaalamaa jira .

Namichi ganna 59 kun giddugala aadaa magaalaa Handlova keessatti osoo haasa’aa jiruu rasaasaan rukutame.

Gabaasa fuula feesbuukii dhuunfaa Muummicha Ministeeraa erga hospitaala seenaniin booda maxxanfame, namni kun irra deddeebiin garaa isaa irratti dhukaasa itti dhukaafameen lubbuun isaa balaa guddaa keessa jira jedhameera.

Barreessaan olaanaa NATO Jens Stoltenberg yaalii ajjeechaa kana ”kan nama rifachiisu” jedhaniiru.

Slovakiyaan biyyoota komunistii duraanii keessaa tokko yoo taatu miseensa NATO kan waraana Yukireen keessatti Raashiyaa mormuudhaan adda duree ta’e Haa ta’u malee dheerachuun waraanni kun namoota siyaasaa fi xiinxaltoota siyaasaa biyyattii addaan qoodaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *