Golee Oromiyaa mara keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irraatti gaggeeffamu akkuma hammaatetti itti fufe.
(SQ-Haggayya 19,2022)
Finfinnee dabalatee guutuu Oromiyaa keessatti hidhaan lammiilee Oromoo irratti mootummaa Bilxiginnaan deemsisamu hammaatuu maddeen keenya gabaasan.
Qaamotni tikaa fi poolisootni sirna mootummaa Bilxiginnaa Finfinnee dabalatee Godinaalee Oromiyaa hedduu keessaa ilmaan Oromoo ajaja mana murtii fi ragaa tokko malee akkuma barbaadan qabanii hidhuu, gara dabarsuu fi sodaachisa adda addaa raawwataa jiraachuu isaanii maddeen oduu ifoomsuutti jiran.
Keessumaa duulli hidhaa kun erga torban tokkoo as Godina Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddellee keessatti kan hammaate yoo ta’u, kanaanis miseensotnii fi deggertootni ABO qabamanii hidhaatti darbamanii jiran. Namootni kun kan hidhamanis seera cabsanii fi badii raawwatan qabaatanii akka hin taane maddeen garaagaraa gabaasaa jiru.
Dargaggoo Siinan Huseen kan mana hidhaa Sabbataa irraa fuudhamee Mattuutti hidhamee jiru dabalatee, Deeggee irraa kan ta’an Obbo Lammaa Ambisaa fi ijoollee isaanii Daawit Lammaa Ambisaa, Elsaayi Lammaa Ambisaa akkasumas Tasfaayee Waaqkennee, Bilisummaa Tamasgeen, Gizaachoo Asaffaa Jootee fi namootni hedduun waajjira poolisiitti hidhamanii dararamaa akka jiran oduun arganne ifa godha.
Maatii Obbo Lammaa Ambisaa manatti hafan irratti poolisoota sirna PPn dararaa fi sodaachisni adda addaa irra ga’aa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.